2 ሳሙኤል 9 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDaawit Ilma Yonaataaniif Gaarii Gochuu Isaa 1 Gaaf tokko Daawit,<<Maatii Saa'ol keessaa namni hafe jiraa ree>> Namni hafe jira yoo ta'e, ani Yonaataaniif jedhee gaarummaa isatti argisiisuu nan barbaada>> jedhee in gaafate. 2 Maatii Saa'ol keessaa hojjetaan <<Ziibaa>> jedhamu tokko ture; namoonnis akka inni gara Daawit dhaquuf isa in waaman; mootichi immoo,<<Ati Ziibaa dhaa?>> jedhee isa in gaafate; innis,<<Eyyee, ani Ziibaa garbicha kee ti>> jedhee deebiseef*. 3 Mootichi,<<Gaarummaa Waaqayyoo akkan itti argisiisuuf, maatii Saa'ol keessaa namni hafe tokko illee hin jiruu?>> jedhee in gaafate; Ziibaan immoo mootichaaf deebisee,<<Ilmi Yonaataan tokko jira; inni immoo miilli isaa lachuu naafa>> jedhe*. 4 Mootichi itti dabalees,<<Inni amma eessa jira?>> jedhee in gaafate; Ziibaan immoo,<<Inni mandara Lodebaar mana Maakiir ilma Amii'el jira>> jedhee deebiseef*. 5 Daawit mootichi yommus Lodebaaritti nama ergee, mana Maakiir ilma Amii'elii isa in fichisiise. 6 Mefii-Bosheet ilmi Yonaataan Saa'ol gara Daawit dhufee, ulfina isaatiif hamma lafa ga'utti in qoomma'eef; Daawit,<<Mefii-Bosheet!>> jedhe; innis,<<Ani garbichi kee kunoo, asan jira!>> jedheen. 7 Daawit immoo,<<Hin sodaatin! Ani abbaa kee Yonaataaniif jedhee gaarummaa sitti nan argisiisa; lafa Saa'ol akaakayyuu keetii hundumaa siif nan deebisa, yeroo hundumaas maaddii koo irraa in nyaatta>> jedheen. 8 Mefii-Bosheet,<<Ani eenyu iyyuu ti, gara ana garbicha kee isa akka saree du'aa ilaalta?>> jedhee in qoomma'eef. 9 Mootichi yommus Ziibaa hojjetaa Saa'ol waamee,<<Ani waanuma kan Saa'olii fi maatii isaatii ta'e hundumaa Mefii-Bosheet akaakayyuu gooftaa kee Saa'oliif kenneera. 10 Inni wanta ittiin jiraatu akka argatutti, ati, ilmaan kee, hojjetoonni kees midhaan isaaf qotaa, wanta lafti isaa baasus isaaf galchaa! Inni garuu ofii isaatii yeroo hundumaa maaddii koo irraa in nyaata>> jedhe; Ziibaan ilmaan kudha shanii fi hojjetoota digdama qaba ture. 11 Ziibaan mootichaan,<<Waanuma gooftaan koo mootichi ana garbicha isaa abboome hundumaa nan hojjedha>> jedheen; Mefii-Bosheet immoo akkuma ilmaan mootii keessaa isa tokkotti maaddii Daawit mootichaa irraa in nyaate. 12 Mefii-Bosheet mucaa ilmaa <<Miikaa>> jedhamu tokko qaba ture; namoonni mana Ziibaa keessa jiraatan hundinuu Mefii-Bosheetiif in hojjetu turan. 13 Mefii-Bosheet inni miilli isaa lachuu naafa ture, sababii yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa nyaatuuf, Yerusaalem keessa in taa'e. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia