Online Bible

- Advertisements -


2 ሳሙኤል 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daawit Israa'el Irratti Mootii Ta'uu Isaa
( 1Sen 11:1-3 )

1 Kana booddee gosoonni Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit bira dhufanii,<<Kunoo, nuyi dhiiga kee ti, foon kee tis;

2 yeroo darbetti, utuma Saa'ol mootii keenya ta'ee jiruu iyyuu, Israa'eloota gara duulaatti bobbaasee kan galchu si ture; Waaqayyos,<<Saba koo Israa'elin situ geggeessa, situ isaan bulchas>> siin jedheera>> ittiin jedhan*.

3 Jaarsoliin Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit mooticha bira yommuu dhufan, Daawit isaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti kakaadhaan walii gale; isaanis Israa'el irratti mootii akka inni ta'uuf isa in diban*.

4 Daawit yommuu mootii ta'e, nama waggaa soddomaa ture; waggaa afurtama immoo in mo'e.

5 Inni Kebroon keessa taa'ee, waggaa ja'aa fi ji'a ja'a Yihudaa irratti in mo'e; Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa soddomii sadii guutummaa Israa'el irratti, guutummaa Yihudaa irrattis in mo'e*.


Daawit Mandara Yerusaalem Qabachuu Isaa
( 1Sen 11:4-9 ; 14:1-7 )

6 Yommus Daawit mootichi namoota isaa wajjin Yibusoota mandara Yerusaalem keessa jiraatan loluudhaaf itti in duule; Yibusoonni immoo,<<Daawit mandara kana mo'ee qabachuu hin danda'u>> jedhanii waan yaadaniif,<<Ati asitti hin galtu, warri jaamaanii fi warri naafti iyyuu of irraa si in deebisu>> ittiin jedhan*;

7 haa ta'u iyyuu malee, Daawit masaraa Xiyoon in qabate; iddoon kun ergasii<<Mandara Daawit>> jedhamtee beekamte.

8 Gaafas Daawit namoota isaatiin,<<Namni Yibusoota warra naafa, warra jaamaa, warra ani ijumaan arguu jibbu kana rukutuu barbaadu karaa jal'isii bishaanii haa ba'u!>> jedhe; kanaaf namoonni boodana,<<Warri jaamaanii fi warri naafti mana qulqullummaatti ol hin galan!>> jedhan.

9 Yommus Daawit masaraa isa qabate sana keessa in jiraate; kanaaf iddoo kana,<<Mandara Daawit>> jedhee moggaase; inni lafa <<Miiloo>> jedhamu kaasee gara keessaatti masaraa mandaraa jabeessee in ijaare.

10 Waaqayyo gooftaan maccaa isaa wajjin waan tureef, Daawit ittuma fufee jabaachaa in adeeme*.

11 Yeroo kana Hiiraam mootiin Xiiros dhaabaa muka gaatirraa, namoota muka soofanii fi namoota dhagaadhaan mana ijaaran namoota isaatii wajjin Daawitiif in erge; isaanis mana mootummaa in ijaaraniif*.

12 Daawit saba Israa'el irratti mootii akka ta'uuf Waaqayyo isa in cimse; saba isaa Israa'eliif jedhees mootummaa isaa in guddise; Daawitis kana in hubate.

13 Daawit mandara Kebroon dhiisee Yerusaalemitti erga galee booddee, achitti saajjatootaa fi dubartoota dabalee in fuudhe; dabalees ilmaanii fi intaloota in godhate*.

14 Maqaan ilmaan isaa warra inni Yerusaalemitti godhatee kanatti fufee jira; isaanis Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon*,

15 Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa,

16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex turan.


Daawit Filisxeemota Mo'uu Isaa
( 1Sen 14:8-17 )

17 Daawit dibamee guutummaa Israa'el irratti moosifamuu isaa warri Filisxeem yommuu dhaga'an, hundumti isaanii isa qabachuudhaaf ol in ba'an; Daawit immoo kana dhaga'ee, gara iddoo da'oo jabaa qabutti gad in bu'e.

18 Filisxeemonni yommus dhufanii dachaa Refaa'iim keessa tamsa'anii iddoo in qabatan.

19 Yommus Daawit,<<Warra Filisxeem kanatti duuluu>> Ati harka koo keessa isaan in buuftaa?>> jedhee Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo,<<Ani raawwadhee Filisxeemota harka kee keessa buuseeraatii, itti duuli!>> jedheen*.

20 Daawitis gara Ba'aal-Pheraaziim dhaqee, achitti Filisxeemota rukutee in mo'e; kanaafis Daawit,<<Akkuma bishaan manii isaa cabsee yaa'u akkasuma Waaqayyo fuula koo duraa diinota koo in caccabse>> jedhe; kana irratti maqaa iddoo sanaa <<Ba'aal-Pheraaziim>> jedhee in moggaase; [<<Ba'aal-Pheraaziim>> jechuun <<Waaqayyo caccabsaa dha>> jechuu dha.]

21 Warri Filisxeemis waaqayyolii tolfamoo isaanii achitti dhiisanii in baqatan; Daawitii fi namoonni isaa waaqayyolii sana fuudhanii in adeeman.

22 Filisxeemonni ammas Daawititti duuluudhaaf deebi'anii dachaa Refaa'iim keessa tamsa'anii iddoo in qabatan.

23 Yommus Daawit ammoo Waaqayyoon in gaafate; innis deebiseefii,<<Kallattiidhaan isaanitti ol hin ba'in, karaa fuullee mukkeetii qilinxoo naanna'iitii dugda isaanii duubaan isaanitti dhaqii isaan rukuti!

24 Sagalee faana duulaa bantii qilinxoowwan sana irraa yommuu dhageessu, ani Waaqayyo loltoota Filisxeemotaa rukutuudhaaf fuula kee dura bu'uu koo waan ta'eef, garaa kutadhuutii itti ka'i!>> jedhe.

25 Daawit akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; inni Giibe'onii kaasee hamma Gezeritti loltoota Filisxeem duukaa bu'ee in rukute*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements