2 ሳሙኤል 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIsh-Bosheet Ajjeefamuu Isaa 1 Abneer mandara Kebroonitti akka ajjeefame Ish-Bosheet ilmi Saa'ol yommuu dhaga'e, humni isa in bu'e, Israa'eloonnis guutummaatti in na'an*. 2 Ilmi Saa'ol kun ajajjuu warra lolaaf ba'anii saaman lama qaba ture; maqaan isa tokkoo Ba'anaa dha, maqaan isa kaanii Rekaab; isaan ilmaan Rimoon nama mandara Beroot gosa Benyaamiin turan; Beroot gara Benyaamiinitti in lakkaa'ama. 3 Namoonni Beroot kun Giitaayimitti baqatanii hamma bara kanaatti galaa ta'anii achi in jiraatan. 4 Yonaataan ilmi Saa'ol, ilma miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture; oduun waa'ee du'a Saa'olii fi du'a Yonaataan Yizre'elii ba'ee yommuu dhaga'ame, ilmi isaa kun mucaa waggaa shanii ti; guddiftuun mucichaa isa ol fuutee baattee in baqatte; isheen baqachuudhaaf utuu ariifattu, mucichi ishee irraa kufee in naafate; maqaan isaa immoo Mefii-Bosheet ture*. 5 Rekaabii fi Ba'anaan ilmaan Rimoon nama Beroot ka'anii, Ish-Bosheet ciisee utuu aara galfachaa jiruu, aduu saafaa keessa mana isaa in ga'an; 6 isaan akka waan qamadii fudhachuu dhaqanii fakkeessanii, kutaa manaa isa gara keessaatti ol lixanii garaa isaa in waraanan; kana booddees Rekaabii fi Ba'anaan obboleessi isaa hafuura dhokfatanii ba'anii in sokkan. 7 Isaan utuu inni mana hirribaa isaa keessa siree isaa irra ciisaa jiruu, ol lixanii isa rukutanii ajjeesanii, mataa isaa irraa in kutan; kana booddee mataa isaa fuudhanii karaa dachaa Yordaanos ba'anii halkan guutuu adeemaa bulan. 8 Mataa Ish-Bosheet sana Kebroonitti Daawit mootichatti geessanii,<<Mataan Ish-Bosheet ilma Saa'ol, isa diina kee ta'ee si ajjeesuu yaalee kunoo ti! Waaqayyo har'a Saa'ol irratti, sanyii isaa irrattis si gooftaa keenya mootichaaf ijaa baaseera>> jedhaniin. 9 Daawit garuu deebisee Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'anaa ilmaan Rimoon nama Beroot sanaan,<<Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa rakkina hundumaa keessaa na baasee ti! 10 Namni tokko oduu gaarii se'ee,<<Saa'ol in du'e>> jedhee yommuu anatti himetti, ani immoo isa qabsiiseen Siiqlaagitti isa ajjeesise; gatii oduu isaatiif kanan kenneef kana ture*. 11 Caalaadhumatti isin namoota jal'oota, warra nama balleessaa hin qabne mana isaa keessatti siree isaa irratti ajjeeftan, ani immoo harka keessan keessaa dhiiga isaa hin barbaaduu ree>> Lafa irraas isin hin balleessuu ree?>> jedhe. 12 Achumaan Daawit namoota isaa in abboome; isaanis ilmaan Rimoon sana ajjeesanii harka isaanii fi miilla isaanii irraa ciranii mandara Kebroon keessatti kuufama bishaanii bukkeetti reeffa isaanii in rarraasan; mataa Ish-Bosheet immoo fuudhanii mandara Kebroon keessatti, awwaala Abneer biratti in awwaalan*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia