Online Bible

- Advertisements -


2 ሳሙኤል 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daawit Kebroonitti Ilmaan Godhachuu Isaa

1 Lolli namoota Saa'olii fi namoota Daawit gidduutti ta'e yeroo dheeraa ture; Daawit jabaachaa adeeme; namoonni Saa'ol garuu ittumaa humna dhabaa in adeeman*.

2 Ilmaan Daawit warri Kebroonitti dhalataniif warra kanatti aananii jiranii dha; inni angafni, Amnoon isa Ahiino'aam Yizre'elittiin deesseef*;

3 inni lammaffaan, Kiile'aab isa Abigaayil, ishee Naabaal namni biyya Qarmelos irraa du'e deesseef; inni sadaffaan, Abiishaalom isa Ma'akaan intalli Talmaayi mootii Geshuur deesseef*;

4 inni afuraffaan, Adoniyaa isa Haagiit deesseef; inni shanaffaan, Shefaaxiyaa isa Abiixaal deesseef*;

5 inni ja'affaan, Yiitre'aam isa Eglaan haati manaa isaa deesseef; Daawit ilmaan kana mandara Kebroonitti godhate.


Abneer Daawitii Wajjin Walii Galuu Isaa

6 Yeroo namoota Saa'olii fi namoota Daawit gidduutti lolli ta'e, Abneer namoota Saa'ol gidduutti aboo isaa in jabeessa ture.

7 Gaaf tokko Ish-Bosheet immoo,<<Ati maaliif Riizphaa intala Ayyaa ishee saajjatoo abbaa koo Saa'ol turte bira geesse?>> jedhee Abneerin in gaafate.

8 Yommus Abneer dubbii Ish-Bosheet isatti dubbate kanaaf baay'isee aaree,<<Ani gara Yihudaatti kanan goru nama garaa saree qabu na seetee>> Ani hamma har'aatti namoota Saa'ol abbaa keetii fi maatii isaatiif, firoota isaatiifis wanta gaarii godheera; Daawititti dabarsee si hin kennine, kana keessaatti ati immoo,<<In balleessite>> jettee waa'ee dubartii kanaaf har'a maqaa koo hadheessitaa>>

9 Wanti Waaqayyo kakuudhaan Daawitin abdachiise hojii irra akka ooluuf Daawitin hin gargaaru yoon ta'e, Waaqayyo ana haa dha'u, anatti haa dabalus!

10 Mootummaan sanyii Saa'ol irraa fuudhamee, Daawititti akka darbu, teessoon Daawit immoo Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israa'eliif, Yihudaafis jabaatee akka dhaabatu nan godha!>> jedhee itti in kakate*.

11 Ish-Bosheet waan Abneerin sodaateef, sagalee tokko iyyuu isaaf deebisuu hin dandeenye.

12 Abneer yommus Daawititti namoota ergee,<<Biyyi kun eenyuuf haa ta'u>> Ati anaaf kakuu yoo galte, Israa'eloonni guutummaatti siif akka deebi'aniif sin gargaara>> jedhe.

13 Daawit immoo deebisee,<<Haa ta'u kakuu siif nan gala; garuu waan tokko si irraa nan barbaada; innis, yommuu ana bira dhuftu, Mikaal intala Saa'ol yoo fidde malee, ana hin argitu!>> jedheen.

14 Kana booddees Daawit namoota tokko Ish-Bosheetitti ergee,<<Mikaal haadha manaa koo ishee ani fuudhuudhaaf misa warra Filisxeemotaa dhibba tokko baasee kaadhimadhe anaaf galchi!>> jedhe*.

15 Ish-Bosheet immoo kana irratti namoota ergee, dubartittii abbaa manaa ishee Faltii'el ilma Laa'iish jalaa fuudhanii akka fidan in godhe*.

16 Abbaan manaa ishee garuu boo'aa hamma mandara Bahuriimitti ishee duukaa in adeeme; Abneer immoo namichaan,<<Deebi'ii gali!>> jedhe; innis deebi'ee in gale.

17 Ergasii Abneer mari'achuudhaaf jaarsolii Israa'elootaa bira dhaqee,<<Isin kanaan dura Daawit mootii akka isiniif ta'u barbaaddanii turtan;

18 Waaqayyo,<<Karaa Daawit garbicha koo saba koo Israa'elin harka warra Filisxeemotaa keessaa, harka diinota isaanii hundumaa keessaas nan baasa>> jedhee waa'ee isaatiif abdachiiseera; egaa amma akkuma yaaddan godhaa!>> jedhe.

19 Abneer itti dabalee ofuma isaatii namoota Benyaamiinitti in dubbate; kana booddee innumti wanta Israa'elootatti, namoota Benyaamiin hundumaattis gaarii ta'ee mul'ate Daawititti himuudhaaf Kebroonin in dhaqe.

20 Inni namoota digdama fudhatee Kebroon yommuu dhufe, Daawit immoo Abneerii fi namoota isaa wajjin dhufaniifis cidha in qopheessise.

21 Abneer gaafas Daawitiin,<<Ka'eetan dhaqee, Israa'eloonni kakuu akka siif galaniif, waan garaan kee hawwe hundumaa irrattis akka mootuuf, namoota hundumaa si gooftaa koo mootichaaf walitti qaba>> jedhe; Daawit yommus Abneeriin,<<Dhaqi!>> jedhe; innis nagaadhaan in adeeme.


Yo'aab Abneerin Ajjeesuu Isaa

22 Yeroo sanatti Yo'aab, loltoonni Daawitis iddoo rukutuudhaaf dhaqan tokko irraa waan baay'ee saamanii in deebi'an; Abneer garuu sababii Daawit karaa isaaf kenneef, nagaadhaan in sokke malee, mandara Kebroon keessa isa bira hin turre.

23 Yo'aabii fi loltoonni isaa wajjin turan hundinuu yeroo dhufan, jarri tokko,<<Abneer ilmi Neer Daawit mooticha bira in dhufe; mootichi waan isa gad dhiiseef, inni nagaadhaan adeemeera>> jedhanii Yo'aabitti in himan.

24 Yommus Yo'aab gara mootichaa dhaqee,<<Ati maal gochuu kee ti>> Kunoo, Abneer si bira dhufee ture, amma garuu inni sokkeera; ati immoo maaliif akka inni adeemuuf gad isa dhiifte>>

25 Abneer ilmi Neer si gowwoomsuudhaaf, ba'uu keetii fi galuu kee, wanta ati hojjettu hundumaas caqasuudhaaf akka inni dhufe ati hin beektuu ree?>> jedheen.

26 Yo'aab yommuu Daawit biraa gad ba'ee, namoota tokko Abneerin duukaa in buuse; isaanis bishaan boollaa isa <<Siiraa>> jedhamu biratti namicha qaqqabanii deebisanii in fidan; Daawit garuu waa'ee kanaa hin beekne ture.

27 Abneer gara Kebroonitti yommuu deebi'e, Yo'aab immoo akka waan kophaatti isaa wajjin dubbachuu barbaadutti gara karaatti isa in geesse; achitti garuu gumaa Asaahel obboleessa isaa ba'uudhaaf garaa Abneer in waraane, innis in du'e*.

28 Ergasii Daawit dubbii kana dhaga'ee,<<Waa'ee dhiiga Abneer ilma Neeriitiif ani, mootummaan koos Waaqayyo duratti bara baraan hin gaafatamnu.

29 Dhiigni Abneer kun mataa Yo'aab irratti haa dhufu! Namni saala isaa keessaa waa dhangala'u yookiis namni dhukkuba lamxii qabu yookiis namni uleetti rarra'ee adeemu yookiis namni billaadhaan rukutamee du'u yookiis namni buddeena hin qabne, sanyii Yo'aab keessaa hin dhabamin!>> jedhe*.

30 Yo'aabii fi obboleessi isaa Abiishaayi sababii Abneer lola keessa Giibe'on biratti obboleessa isaanii Asaahelin ajjeeseef, isaan immoo isa in ajjeesan*.


Abneer Awwaalamuu Isaa

31 Kana irratti Daawit immoo Yo'aabiin, namoota isaa wajjin turan hundumaanis,<<Uffata keessan tarsaasaa, uffata gaddaa uffadhaa, boo'aa reeffa Abneer dura adeemaa!>> jedhe; Daawit mootichi ofii isaatii iyyuu siree bidiruu reeffaa ittiin baatan duukaa adeeme.

32 Isaan Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichi sagalee isaa ol fudhatee awwaala Abneer biratti in boo'e; namoonni hundinuus immoo in boo'an.

33 Yommus mootichi waa'ee du'u Abneeriif faarfannaa gaddaa baasee,<<Abneer akka nama seera Waaqayyoo malee jiraatetti du'uun irra turee ree*>>

34 Harki kee hin hidhamne, miilli kees funyoo sibiilaatiin hin takaalamne; ati akka nama namoota jal'ootaan rukutamee kufuutti, rukutamtee in duute>> jedhee in faarse; namoonni hundinuus dabalanii isaaf in boo'an.

35 Kana booddees jarri hundinuu guyyaadhumaan Daawitin waa nyaachisuudhaaf in dhufan; Daawit garuu,<<Biiftuun utuu hin lixin, buddeena yookiis wanta biraa yoon afaaniin qabe, Waaqayyo ana haa dha'u, anatti haa dabalus!>> jedhee in kakate.

36 Namoonni hundinuu kana yaadaan qabanii, itti in gammadan; wanti mootichi hojjete hundinuus gaarii ta'ee isaanitti in mul'ate.

37 Guyyaa sanatti namoonni hundinuu, Israa'eloonni hundinuus, ajjeefamuun Abneer ilma Neer yaada mootichaatiin akka hin ta'in hubachuu in danda'an.

38 Mootichi yommus namoota isaatiin,<<Har'a biyya Israa'el keessaa geggeessituun biyyaa, namni guddaan akka du'e hin beektanii ree>>

39 Ani mootii isa dibamee moosifame ta'ee yoon jiraadhe iyyuu, har'a humna dhabeera; ilmaan Zeruyaan deesse kun anatti jabaataniiru; nama wanta hamaa hojjetuuf, akkuma hammina hojii isaatii sanatti Waaqayyo haa deebisuuf!>> jedhe*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements