Online Bible

- Advertisements -


2 ሳሙኤል 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daawit Dibamee Biyya Yihudaa Irratti Moosifamuu Isaa

1 Kana booddee Daawit,<<Mandaroota Yihudaa keessaa gara isa tokkotti ol ba'uu?>> jedhee Waaqayyoon in gaafate; yommus Waaqayyo,<<Ol ba'i!>> jedhee in deebiseef; Daawit itti dabalee,<<Gara mandara isa kamii dhaqu?>> jedhee in gaafate; Waaqayyo immoo,<<Gara mandara Kebroon dhaqi!>> jedheen.

2 Kana irratti Daawit dubartoota isaa lamaanii wajjin Kebroonitti ol in ba'e; warra lamaan keessaa isheen tokko Ahiino'aam intala nama mandara Yizre'el turte; isheen kaan immoo Abigaayil ishee Naabaal namni biyya Qarmelos irraa du'e turte*.

3 Kana malees Daawit namoota isaa wajjin turan maatii isaanii wajjin fudhatee ol in ba'e; isaanis Kebroonii fi naannoo ishee keessa in taa'an.

4 Yommus namoonni Yihudaa Kebroon dhaqanii, Daawitin dibanii of irratti isa in moosisan; namoonni mandara Yaabesh-Giil'aad Saa'olin akka awwaalan ergasii Daawititti in himame*.

5 Kana irratti inni namoota Yaabesh-Giil'aaditti ergaa ergee,<<Reeffa Saa'ol gooftaa keessanii awwaaluudhaan gaarummaa waan argisiiftaniif Waaqayyo isin haa eebbisu!

6 Ammas Waaqayyo gaarummaa fi amanamummaa isinitti haa argisiisu! Sababii isin kana gootaniif anis immoo wanta gaarii isiniif nan godha.

7 Saa'ol gooftaan keessan waan du'eef, namoonni biyya Yihudaa ana dibanii of irratti na moosisaniiru; egaa amma jabaadhaa, jagnoota ta'aa!>> jedhe.


Namoota Yihudaa Fi Namoota Israa'el Gidduutti Lolli Ka'uu Isaa

8 Kun ta'aa utuu jiruu, Abneer ilmi Neer ajajaan loltoota Saa'ol dhaqee, Ish-Bosheet ilma Saa'ol fuudhee Mahanaayimitti in ceesise*.

9 Achittis biyya Giil'aad irratti, Asheerii fi Yizre'el irratti akkasuma immoo Efreemii fi Benyaamiin irratti, guutummaadhumatti biyya Israa'el irratti isa in moosise.

10 Ish-Bosheet ilmi Saa'ol Israa'el irratti yommuu mootii ta'e, nama waggaa afurtamaa ture; inni waggaa lama in mo'e; namoonni Yihudaa garuu Daawituma duukaa in bu'an.

11 Barri Daawit mandara Kebroon keessa taa'ee biyya Yihudaa irratti mo'e, waggaa torbaa fi ji'a ja'a ture.

12 Abneer ilmi Neer, namoonni Ish-Bosheet ilma Saa'olis Mahanaayimii ba'anii gara mandara Giibe'on in dhaqan.

13 Yo'aab inni Zeruyaan deesse, namoonni Daawitis ba'anii, kuufama bishaan Giibe'on biratti isaanitti in dhufan; kutanni inni kaan immoo kuufama bishaanichaa garasiin, kutanni tokko immoo kufama bishaanichaa garanaan in taa'an.

14 Abneer yommus Yo'aabiin,<<Mee dargaggoonni keenya ka'anii fuula keenya duratti wal lolanii wal haa ilaalan!>> jedhe; Yo'aabis,<<Haa ta'u haa ka'an!>> jedheen.

15 Yeroo kana dargaggoonni kudha lama Benyaamiinii fi Ish-Bosheet ilma Saa'oliif ka'anii in dhaabatan; kan Daawit immoo dargaggoonni kudha lama isaanitti gara galanii in dhaabatan.

16 Yommus isaan adduma addaan mataa warra isaaniin morkatu qabatanii, cinaacha walii walii isaaniitti billaa hudumanii wal fudhataniis in kukkufan; kanaaf biyya Giibe'on keessaa maqaa iddoo sanaa <<Helkaat Haazuriim>> jedhanii in moggaasan; [<<Helkaat Haazuriim>> jechuun <<Bakkee billaa qara-qabeessaa>> jechuu dha.]

17 Kana irraa kan ka'e gaafas lolli jabaan in ta'e; namoonni Daawit Abneerii fi namoota Israa'el in mo'an.

18 Ilmaan Zeruyaan deesse sadan warri<<Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel>> jedhaman achi turan; Asaahel akkuma kuruphee in fiiga ture*.

19 Inni gara mirgaatti yookiis gara bitaatti utuu hin jal'atin Abneerin duukaa bu'ee in ari'e.

20 Abneer of booddee ilaalee,<<Ati Asaahelii?>> jedhee isa in gaafate; Asaahelis,<<Eyyee, anuma!>> jedhee in deebiseef.

21 Yommus Abneer,<<Gara mirga keetti yookiis gara bitaa keetti goriitii dargaggeessota kana keessaa tokko qabii mi'a waraanaa isaa irraa fudhadhu!>> jedheen; Asaahel garuu isa duukaa fiiguu dhiisee jal'achuu hin barbaanne.

22 Abneer ammas,<<Ana duukaa fiiguu dhiisi! Maaliif akkan rukutee lafaan si dha'u goota>> Yoon si rukute immoo maal jedheetan ija obboleessa kee Yo'aabitti mul'adha?>> jedhee Asaahelin in akeekkachiise.

23 Asaahel garuu isattii jal'achuu in dide; kana irratti Abneer jinfuu eeboo isaatiin garaa isaa waraanee eeboo dugda isaa keessa in baase; Asaahel kufee iddoodhuma sanatti in du'e; namni hundinuu lafa Asaahel kufee itti du'e yommuu ga'u, takka achi in dhaabata ture*.

24 Yo'aabii fi Abiishaayi garuu karaa isaanii immoo Abneerin in ari'an; biiftuun yommuu lixxe isaan gaara Amaa gubbaa in ga'an; innis fuullee Giiyaa karaa isa Giibe'on irraa gara lafa onaatti geessu irratti in argama.

25 Yommus namoonni Benyaamiin dacha'anii Abneer bira in dhufan; kutata tokko ta'anii roggee gaara tokkoo irra iddoo qabatanii in dhaabatan.

26 Abneer sagalee isaa ol fuudhee,<<Bara baraan wal irratti billaa ol fudhannaa ree>> Dubbiin kun wal fixuutti akka nu geessu hin hubattu ree>> Namoonni kee nuyi obboloota isaanii warra taane ari'uu akka dhiisaniif, hamma yoomiitti hin abboomtu?>> jedhee Yo'aabin in gaafate.

27 Yo'aab immoo,<<Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Utuu ati kana hin dubbanne ta'ee, namoonni ana bira jiran kun hamma bor ganamaatti isin warra obboloota isaanii taatan in ari'u turan>> jedhee in deebiseef.

28 Yommus Yo'aab malakata afuufuudhaan milikkita in kenne; kana irratti namoonni isaa Israa'eloota ari'uu, lola itti fufuus in dhiisan.

29 Abneerii fi namoonni isaa halkan guutuu dachaa Yordaanos keessa adeemaa bulan; laga Yordaanos ce'anii ganama sana guutuu ittuma fufanii adeemanii, Mahanaayim in ga'an.

30 Yo'aab yommus Abneerin ari'uu dhiisee in deebi'e; namoota isaa hundumaa yeroo walitti qabe, namoota Daawit keessaa Asaahelin utuu itti hin dabalin nama kudha sagaltu dhabame.

31 Namoonni Daawit garuu namoota Benyaamiin warra Abneerii wajjin turan keessaa nama dhibba sadii fi jaatama rukutanii in ajjeesan.

32 Yo'aabii fi namoonni isaa reeffa Asaahel fuudhanii lafa awwaala abbaa isaa keessatti Betlihemitti in awwaalan; kana booddees isaan halkan guutuu adeemanii, barii lafaa Kebroonitti in galan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements