2 ሳሙኤል 12 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDaawit Ifatamuu Isaa 1 Waaqayyo yommus Naataan raajicha gara Daawititti in erge; Naataanis dhaqee Daawitiin,<<Namoonni lama mandara tokko keessa turan; isaan keessaa inni tokko sooressa, inni kaan immoo hiyyeessa*. 2 Inni sooressi hoolota baay'ee fi saawwa baay'ee qaba; 3 inni hiyyeessi garuu ilmoo hoolaa guddifachuuf bitate tokko malee, homaa tokko iyyuu hin qabu; isheen harka isaatiin ilmaan isaa wajjin in guddatte, midhaan inni nyaatu irraa in nyaatti, qodaa inni keessaa dhugu keessaas in dhugdi turte; inni gudeeda isaa irratti ishee in baata, isheenis isa irra in rafti; inni akka intalaatti ishee in ilaala ture. 4 Gaaf tokko keessummaan namicha sooressa sanatti in dhufe; namichi hoolaa fi saawwa baay'ee qabu sana keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufe sanaaf nyaata qopheessuu mararsiifatee, iddoo isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessaa sana fuudhee qalee keessummichaaf nyaata in qopheesse>> jedhe. 5 Daawit namicha sanatti aaree boba'ee, Naataan raajichaan,<<Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Namicha akkas godhe sanaaf du'atu ta'a! 6 Inni sababii garaan isa jibbuu dhiisee wanta akkasii godheef, iddoo ilmoo hoolaa sanaa hoolaa afur haa baasu!>> jedhe*. 7 Naataan kana irratti Daawitiin,<<Namni kana godhe si! Waaqayyo gooftaan Israa'el,<<Israa'el irratti mootii akka taatuuf anatu dibee si moosise, harka Saa'olis si oolche; 8 mana mootummaa gooftaa keetii, dubartoota isaas akka ati fudhattuuf siif kenneera; namoota Israa'elii fi namoota Yihudaa akka mootuuf siif kenneera; yoo kun sitti xinnaate immoo, kana caalaa iyyuu siif nan kennan ture. 9 Ati garuu Uriiyaa Heetichi billaa Amoonotaatiin rukutamee akka ajjeefamu gootee, haadha manaa isaa haadha manaa kee godhatte; ija koo duratti wanta hamaa sana hojjechuudhaan maaliif dubbii koo tuffatte>> 10 Egaa sababii ati ana tuffatteef, sababii haadha manaa Uriiyaa Heetichaa haadha manaa kee godhatteef, billaan namoota sanyii kee irraa bara baraan hin deebi'u!>> jedhe. 11 Waaqayyo itti dabalee,<<Kunoo, ani maatiidhuma keetiin wanta hamaa sitti nan kaasa; ijuma kee duratti dubartoota kee fuudhee, nama ollaa kee jiruuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan dubartoota kee wajjin in ciisa. 12 Ati wanta akkasii dhoksaatti goote, ani garuu, wanti kun Israa'eloota hundumaa duratti guyyaa saafaa si irratti akka raawwatamu nan godha>> jedha>> jedhe*. Ilmi Baat-Sheebaan Daawitiif Deesse Du'uu Isaa 13 Daawit yommus Naataan raajichaan,<<Ani Waaqayyoon yakkeera>> jedhe. Naataan immoo deebiseefii,<<Egaawoo, Waaqayyo yakka kee siif dhiiseera; ati yakka kanaaf jettee hin duutu. 14 Haa ta'u iyyuu malee, kana hojjechuu keetiin diinonni Waaqayyoo akka isa arrabsan waan gooteef, ilmi inni siif dhalate sun dhuguma in du'a>> jedhe. 15 Kana booddee Naataan gara mana isaatti deebi'ee in gale; Waaqayyo immoo mucaa isa haati manaa Uriiyaa Daawitiif deesse in dha'e; mucichis in dhukkubsate. 16 Daawit waa'ee mucichaatiif jabeessee Waaqayyoon in kadhate; inni in soome, mana isaa keessa uffata isaa lafa buufatee in bubbule. 17 Maanguddoonni mana isaa jiran ka'anii, lafaa isa kaasuuf gara isaa in dhaqan; inni garuu ka'uu in dide, isaanii wajjinis nyaata hin nyaanne. 18 Torban tokko booddees mucichi in du'e; hojjetoonni Daawit,<<Utuma mucichi jiruu iyyuu yeroo nuyi gooftaatti dubbannu nuuf hin dhaga'u; amma immoo mucichi akka du'e attamitti isatti himuu dandeenya ree>> Waa of godhinnaa laataa!>> jedhanii mucichi akka du'e Daawititti himuu in sodaatan. 19 Daawit garuu hojjetoonni isaa akka walitti hasaasan yommuu arge, mucichi akka du'e baree,<<Mucichi in du'ee?>> jedhee hojjetoota isaa in gaafate; isaanis,<<Eyyee in du'e>> jedhanii deebisaniif. 20 Daawit yommus lafaa ka'ee dhiqatee dibatee, uffata isaas erga geddaratee booddee, gara mana qulqullummaa dhaqee, in sagade; kana booddee gara mana isaa dhaqee, buddeena akka isaaf dhi'eessaniif in abboome; kana irratti isaan in dhi'eessaniif, innis in nyaate. 21 Hojjetoonni isaa,<<Mucichi utuu jiruu, soomtee isaaf in boosse; mucichi erga du'ee immoo kaatee nyaata in nyaatte; kana gochuun kee maal jechuu kee ti?>> jedhanii isa in gaafatan. 22 Kana irratti Daawit, << <Maaltu beeka, Waaqayyo anaaf in oo'a, mucichas in maara ta'a>> jedhee, utuu lubbuun mucicha keessa jiruu nan soome, nan boo'es. 23 Amma garuu mucichi erga du'ee, maaliifan sooma ree>> Si'achi mucicha deebisuu nan danda'aa>> Anatu gara isaa dhaqa malee, inni gara kootti hin deebi'u>> jedhee deebiseef. Solomoon Dhalachuu Isaa 24 Daawit yommus Baat-Sheebaa haadha manaa isaa in jajjabeesse; ergasii inni gara ishee dhaqee ishee bira in ga'e; isheen ilma isaaf in deesse, inni immoo maqaa mucichaa Solomoonitti moggaase; Waaqayyo mucicha in jaallate. 25 Waaqayyo mucicha sababii jaallateef, maqaa mucichaa <<Yidiidiyaatti>> akka moggaasuuf Naataan raajicha in erge. [<<Yidiidiyaa>> jechuun <<Waaqayyo biratti kan jaallatame>> jechuu dha.] Daawit Mandara Amoonotaa Qabachuu Isaa ( 1Sen 20:1-3 ) 26 Yo'aab ittuma fufee Raabaa mandara Amoonotaa rukutee, naannoo mootiin keessa taa'u in qabate*. 27 Yo'aab yommus Daawititti nama ergee,<<Ani mandara Raabaa rukuteera, lafa mandarattiin bishaan argatus qabadheera. 28 Ani mandarattii qabadhee, ittiin maqaa akka hin godhannetti, amma ati loltoota warra hafan walitti qabi, mandarattiitti marsiitii ishee qabadhu!>> jedhee itti in hime. 29 Kana irratti Daawit loltoota hundumaa walitti qabatee, mandara Raabaatti duulee rukutee ishee in qabate. 30 Daawit gonfoo Miilkom Waaqayyo tolfamaa isaanii isa warqee dhagaa gati-jabeessa of keessaa qabu irraa hojjetamee, kiilo graamii soddomii afur kan miijanu fudhatee, mataa isaa irra in kaa'ate; akkasumas mandarattii keessaa wanta sonaan baay'ee in booji'e. 31 Namoota mandarattii sana keessa turan immoo gad yaasee, haamtuu mukaatiin, billaa fi qottoodhaan hojii ulfaataa in hojjechiise, xuuphiis akka hojjetan in godhe; Daawit wanta akkasii kana warra mandaroota Amoonotaa keessa jiraatan hundumaa irratti erga hojjechiise booddee, guutummaa loltoota isaa wajjin gara Yerusaalemitti in deebi'e. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia