Online Bible

- Advertisements -


2 ጴጥሮስ 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Waa'ee Abdii Deebi'ee Dhufuu Gooftaa Yaadachiisuu Isaa

1 Michoota ko! Ani amma ergaa lammaffaa isiniif caafuu koo ti; isaan keessatti isin yaadachiise yaada keessan isa qullaa'aa nan dammaqsa*.

2 Wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa isa karaa ergamoota warra isiniif hojjetanii argattan yaadadhaa*!

3 Guyyoota gara dhumaatti ga'iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka'uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga'isuudhaaf*,

4 ?Deebi'ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du'anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata? in jedhu*.

5 Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba'uu isaa yaadachuu dadhaban*.

6 Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne*.

7 Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa'amanii jiru.

8 Michoota ko! Guyyaan tokko goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa yaadatti qabadhaa*!

9 Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda'a*.

10 Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu ho'a ibiddaatiin wal in gad-dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu*.

11 Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad-dhiisa erga ta'ee, isin namoota attamii ta'uutu isiniif ta'a ree? Jireenya qullaa'aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta'u jiraachuun isin irra jira.

12 Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad-dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus ho'a ibiddaatiin in baqa.

13 Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kennetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna*.

14 Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama'aa!

15 Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen waa'ee isaatiif isiniif caafeera*.

16 Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana in dubbata. Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma caaffata qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa in micciiru.

17 Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa*!

18 Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis guddadhaa! Bara si'anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta'u! Ameen*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements