2 ጴጥሮስ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooBarsiisonni Sobduun Dhumni Isaanii Maal Akka Ta'e Yaadachiisuu Isaa 1 Akkuma raajonni sobduun saba sana gidduu turan, akkasuma barsiisonni sobduun isin gidduu in jiraatu. Isaan warra utuu irratti hin beekamin, barsiisa wanta amaname irraa kaachisee nama balleessu fidanii, goofticha isa isaan fure iyyuu gananii, ofii isaanii irrattis badiisa ariifachiisaa fidanii dha*. 2 Namoonni baay'eenis gad-dhiisatti jiraachuu isaanii kana duukaa in bu'u; sababii isaaniitiifis karaan dhugaa sun maqaa gadhee in argata*. 3 Sassata isaaniitiin immoo dubbii mataa keessaa fuudhanii odeessaniin isin irraa in nyaatu; firdiin bara duriitii jalqabee isaan irratti kenname hojjechuu hin dhiifne, badiisi isaaniis dhibaa'ee hin rafne*. 4 Waaqayyo ergamoota iyyuu warra cubbuu hojjetan gad darbatee, boolla dukkanaa keessatti funyoo sibiilaatiin hidhamanii guyyaa firdiitiif akka kaa'aman godhe malee, isaan hin qusanne*. 5 Bara biyya lafaa isa kan warra Waaqayyo malee jiraatanii, bishaan irra lolaases, Nohi isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche malee, biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne*. 6 Inni mandaroota Sodoomii fi Gomoraatti faradee, ibiddaan balleessee daaraa gochuu isaatiin, warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiru fakkeenya isaanii irraa akka argan godheera*. 7 Loox nama qajeelaa, isa gad-dhiisatti jiraachuu warra jal'ootaatti yaadaan rakkachaa ture immoo in oolche*. 8 Namichi qajeelaan sun yeroo isaan gidduu jiraatu waan arguu fi waan dhaga'uun, lubbuun isaa isheen qajeeltuun sababii hojii isaanii isa seeraan walii hin galleef guyyaa guyyaatti isa keessatti in rakkatti turte. 9 Egaa gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu, warra jal'oota immoo hamma guyyaa firdiitti adabaaf kaa'uu in beeka*. 10 Caalaadhumatti immoo warra kajeellaa foonii isa nama xureessu duukaa bu'an, warra gooftummaa Waaqayyo isaan irraa qabu tuffatan adabaaf in kaa'a. Isaan warra addaggee, warra of gammachiisanii dhas; warra akka ergamootaa waaqa keessatti ulfina qaban in arrabsu malee hin safeeffatan*. 11 Ergamoonni Waaqayyoo warri barsiisota sobduu kana caalaa aangoo fi humna qaban illee, warra akka ergamootaa kana arrabsanii akka isaanitti faradamuuf gooftaa duratti isaan irratti hin dubbatan*. 12 Warri adabaaf kaa'aman sun garuu akka bineensota waa yaadanii gargar hin baafne, warra uumamuu isaaniitiin qabamuuf, ajjeefamuufis dhalatanii ti; wanta ofii isaaniitii hin hubanne in arrabsu, isaan akkuma badiisa bineensota sanaatti baduuf jiru*. 13 Gatii jal'ina isaaniis jal'inni irratti in raawwatama. Isaan guyyaa guutuu jireenya keessa-ba'aa jiraachuudhaan kajeellaa isaanii isa hamaa raawwachuutti in gammadu; kajeellaa isaanii isa hamaatti jireenya keessa-ba'aa jiraachaa, yeroo isinii wajjin nyaatan, isaan xurii fi mudaa isinitti in ta'u*. 14 Iji isaanii yeroo hundumaa hawwaan gara ejjituu in ilaala, cubbuu hojjechuu irraas aara hin galfatan. Namoota jabaatanii hin dhaabatin wallaalchisanii kiyyoo isaaniitti in galfatu; garaa sassatatti bare qabu; isaan warra abaarsa jala jiranii dha. 15 Karaa isa qajeelaa dhiisanii karaa irraa kaataniiru; karaa Bala'aam ilma Be'or, isa jal'ina hojjechuudhaan bu'aa argachuu jaallate irra bu'aniiru*. 16 Garuu inni irra-daddarbaa isaatiif in ifatame; harreen dubbachuu hin dandeenye sagalee namaatiin dubbatee, maraatummaa raajichaa ittifteetti*. 17 Isaan kun akka burqituu bishaan hin qabnee ti, akka hurrii bubbeen oofuu tis; iddoon dukkana limmixii isaaniif kaa'amee jira*. 18 Dubbii gowwummaa isaaniitiin guddisanii of in jaju, akka kajeellaa foon isaaniitti gad-dhiisatti jiraachuu isaaniitiinis, warra irraa kaachuutti jiraatan keessaa namoota reefuu baqatanii ba'an wallaalchisanii kiyyoo isaaniitti in galchu*. 19 Warra kana birmadummaa in abdachiisu, garuu ofii isaaniitii iyyuu garboota badiisaa ti; namni waanuma akka gooftaatti isa mo'eef garbicha in ta'a*. 20 Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuudhaan, xuraa'ummaa biyya lafaa duraa baqatanii erga ba'anii, deebi'anii ittiin qabamanii yoo mo'aman, akki isaan itti jiran inni booddee isa duraa irra in hammaata*. 21 Karaa qajeelummaa erga beekanii booddee, abboommii qulqulluu isa isaaniif kenname irraa gara galuu irra, takkaa utuu hin beekin hafaniiru utuu ta'ee, isaaniif in wayya ture*. 22 Jechi inni, ?Sareen diddigee diddiga isaatti in deebi'a? akkasumas, ?Booyyeen dhiqatee dhoqqee keessa gangalachuutti in deebi'a? jedhu dhugaa ta'uun isaa, waan isaan kana irra ga'uun in mul'ata*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia