Online Bible

- Advertisements -


2 ቆሮንቶስ 3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Hojjetoota Kakuu Haaraa

1 Ammas keessa deebinee ofiif dubbachuu jalqabnaa ree? Yookiis akka namoota tokko tokkoo caaffata nuuf dubbatu gara keessanitti fiduu yookiis isin biraa argachuu nu barbaachisa moo ree*?

2 Caaffanni keenya inni nuuf dubbatu, inni namni hundinuu akka beekuuf akka dubbisuuf garaa keenyatti caafame, isinuma*.

3 Isin caaffata Kristos warra nuyi hojjennuuf ta'uun keessan beekamaa dha; caaffatichis qalamiidhaan utuu hin ta'in hafuura Waaqayyoo isa jiraataatiin, gabatee dhagaattis utuu hin ta'in garaa namaatti caafame*.

4 Amanannaan nuyi karaa Kristos Waaqayyo biraa qabnu kan akkasii ti.

5 Nuyi ofii keenyaa wanti tokko illee nu biraa in ba'a jennee himachuu waan dandeenyu hin qabnu; hammi danda'aa keenyaa Waaqayyo biraa in ba'a*.

6 Isumatu seera caafamee kennameen utuu hin ta'in, hafuura qulqulluudhaan kakuu haaraadhaaf hojjechuu nu dandeessise; seerri caafamee kenname du'a in farada, hafuurichi garuu jireenya in kenna*.

7 Seerichi gabatoota dhagaatti fidalaan qirixamee, yeroo kennametti ulfinaan mul'ate; booddee irraa darbaa yoo adeeme iyyuu calaqqifni fuula Musee yeroo sana jabaa waan tureef, ijji saba Israa'el itti ejjechuu hin dandeenye. Egaa seerichi inni du'a faraduudhaan hojjetu ulfina akkasiitiin erga dhufee*,

8 inni hafuurri hojjetu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree*?

9 Wanti firdii du'aaf hojjetu ulfina-qabeessa erga ta'ee, wanti qajeelaa nama gochuuf hojjetu immoo hammam caalaa ulfina-qabeessa haa ta'u ree*?

10 Ammas wanti caalaatti ulfina qabu waan argameef, inni takka ulfina-qabeessa ture ulfina kan hin qabne ta'eera.

11 Egaa inni yeroodhumaaf jiraate ulfina erga qabaatee, inni itti fufee jiraatu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree*?

12 Abdii akkasii erga qabaannee nuyi guddaa ija in jabaanna.

13 Nuyi akka Musee hin goonu; inni, sabni Israa'el calaqqisa fuula isaa isa irraa darbu sana akka hin arginetti fuula isaa golgate*.

14 Yaadni isaanii garuu hadoodchifameera, hamma guyyaa har'aatti iyyuu kakuu moofaa keessatti isa caafame yeroo dubbisan, golgaan sun isaan irratti in hafa, irraas hin fuudhamu; golgaan sun karaa Kristos duwwaa isaan irraa fuudhamuu in danda'a*.

15 Hamma har'aatti iyyuu yeroodhuma isaan seera Musee dubbisanitti golgichi yaada garaa isaanii in golga.

16 Caaffanni qulqullaa'aan, ?Yeroo inni gara gooftaatti gara galutti, golgichi isa duraa in fuudhama? in jedha*.

17 Egaa inni ?Goofticha? jedhame kun, hafuura qulqulluu dha; iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo, birmadummaatu jira*.

18 Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufetti in diddiiramna*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements