Online Bible

- Advertisements -


2 ቆሮንቶስ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Qooda Ofii Dhaquu Caaffata Erguu Isaa

1 Ani deebi'ee isin gaddisiisuudhaaf gara keessan akka hin dhufne murtoo godheera*.

2 Isinan gaddisiisa yoo ta'e immoo, warruma ani isaan gaddisiise irraa kan hafe eenyutu na gammachiisa ree?

3 Gara keessan dhufee, namoonni warri na gammachiisuun isaaniif ta'u akka ana hin gaddisiifneef kana isiniif caafeera; gammaduu kootti isinis akka gammaddan isin hin mamu.

4 Yaadni garaa koo guddaa utuu rakkatuu utuu dhiphatuus, imimmaan baay'ee lolaasaa isiniif caafuun koo, jaalala guddaa ani isiniif qabu sana akka beektaniif malee, isin gaddisiisuuf miti*.


Namicha Yakkeef Akka Dhiisan Gorsuu Isaa

5 Egaa namni tokko isa kaan yoo gaddisiise ana gaddisiise miti; karaa gar tokkoo garuu, irra tuuluu hin ta'in malee, isin hunduma keessan gaddisiisuu isaa ti.

6 Nama akkasii kana, adabni baay'een keessan irratti walii galtanii kanaan dura isa adabdan, in ga'a*.

7 Namichi gadda baay'ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif ta'a.

8 Egaa isa jaallachuu keessan argisiisuudhaaf akka walii galtan isinan gorsa.

9 Kanaafis ani wanta hundumaatti abboomamoo ta'uu keessan qoree beekuudhaaf isiniif caafeera.

10 Nama isin yakka isaa dhiiftaniif anis immoo nan dhiisaaf; wanti ani namaaf dhiisu jira yoo ta'e, sababii keessaniif jedhee fuula Kristos duratti dhiiseeraaf*.

11 Akeeki Seexanaa maal akka ta'e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in goona*.


Waa'ee Tiitoosiif Yaadda'uu Isaa

12 Wangeela Kristos lallabuudhaaf mandara Xro'aas yommuun dhufe, gooftaan karaa anaaf banuu isaa nan arge*.

13 Obboleessa koo Tiitoosin achii waanan dhabeef garuu, yaadni koo hin ciifne; kanaafan namootatti nagaa dhaamee, achii ba'ee kutaa biyya Maqedooniyaatti darbe*.


Mo'icha Karaa Kristos Argamu

14 Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kristos akka warra mo'e duulaa galutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaa'utti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u*.

15 Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos isa Waaqayyotti urgaa'uu dha*.

16 Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii du'aa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha; egaa eenyutu hojii akkasii kanaaf ta'a ree*?

17 Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baay'een dubbii Waaqayyoo mi'a harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements