1 ተሰሎኒቄ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooMandara Sanatti Maal Akka Hojjete Yaadachiisuu Isaa 1 Obboloota nana! Isin bira dhufuun keenya utuu waa'ee hin baasin akka hin hafne isin ofii keessanii iyyuu gaarii gootanii in beektu*. 2 Isin bira utuu hin dhufin Filiphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay'atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera*. 3 Wanti nuyi isin gorsinu jal'ina keessaa, xuraa'ummaa keessaas hin baane; haxxummaas hin qabu*. 4 Akka isa Waaqayyo qoree nu ilaalee, wangeela hadaraa nutti kennetti in dubbanna; namoota utuu hin ta'in, Waaqayyoon isa garaa keenya qoree ilaalu gammachiisuudhaaf in dhamaana*. 5 Nuyi isin biratti warra dubbii itti kuulan, warra ittiin qabanii nu ga'a jechuu dadhabuu isaanii dhokfatan akka hin ta'in ba'eessa gootanii in beektu; kanas Waaqayyo in beeka*. 6 Nuyi isin irraas yoo ta'e warra kaan irraas yoo ta'e namoota irraa ulfina hin barbaanne*. 7 Nuyi akka ergamoota Kristositti ulfaatoo ta'uu utuma dandeenyuu, akka haadha ijoollee ishee ofitti qabdutti isin gidduu jiraanne. 8 Firoomaaf baay'ifne isin in yaanna; sababii isin jaallannuuf wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin ta'in, lubbuu keenyas immoo isiniin ga'uun nutti in tola. 9 Obboloota nana! Hojiitti isiniif dadhabuu keenya in yaadattu; nuyi isin keessaa nama tokkotti illee ba'aa akka hin taanef halkanii fi guyyaa waan nu barbaachisuuf hojjechaa, wangeela Waaqayyoo isinitti lallabne*. 10 Isin warra amantaniif nuyi qullaa'ota, qajeelota, mudaa malees akka taane isin dhugaa nuuf baatu, Waaqayyos immoo dhugaa nuuf ba'a. 11 Nus tokkon tokkon keessan akka abbaan itti ijoollee isaa ilaalutti isin ilaaluu keenya gaarii gootanii in beektu*. 12 Waaqayyo isa mootummaa isaatii fi ulfina isaatti isin waame sanaaf akka ta'utti akka jiraattaniif isin in gorsina isin in jajjabeessina, dhugaas isinitti in baana*. Amantii Isaanii Fi Obsa Isaanii Himuu Isaa 13 Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta'in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti. Waaqayyos isin warra amantan keessatti in hojjeta; kana hundumaaf ittuma fufnee Waaqayyoon in galateeffanna*. 14 Obboloota nana! Isin faana warra biyya Yihudaa keessaa karaa Kristos Yesus waldoota Waaqayyoo ta'anii duukaa buutaniittu; akkuma isaan harka warra Yihudootaatti dhiphatan isinis harka warra biyya keessaniitti dhiphattaniittu*. 15 Warri Yihudootaa goofticha Yesusin, raajotas in ajjeesan nus in ari'atan; Waaqayyoon hin gammachiisan nama hundumaa wajjinis waliif hin galan*. 16 Warri saba Waaqayyoo hin ta'in akka fayyaniif nuyi in lallabna; isaan immoo safara cubbuu isa yeroo hundumaa hojjetan guuttachuudhaaf, akka hin lallabneef nu dhowwu. Gara dhumaatti dheekkamsi Waaqayyo ammuma iyyuu isaan irratti dhufeera*. Deebi'ee Isaan Ilaaluudhaaf Hawwa Akka Qabu Dubbachuu Isaa 17 Obboloota nana! Garaan keenya wal bira yoo jiraate iyyuu, yeroodhaaf fuula fuulaan wal arguu dhabnee erga gargar baafamnee, nuyi fuula keessan arguudhaaf hawwa guddaadhaan caalchifnee dhamaane. 18 Kanaaf dhufnee isin ilaaluu barbaanne; ani Phaawulos addumaan deddeebi'ee yaaleera, Seexanni garuu nu ittise. 19 Abdiin keenya, gammachuun keenya, gonfoon nuyi dhufa gooftaa keenyaa Yesusitti ittiin isa dura dhaabannee, of jajannu isin malee eenyu ree*? 20 Isin dhuguma ulfina keenya, gammachuu keenyas. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia