Online Bible

- Advertisements -


1 ሳሙኤል 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Haannaan Galata Dhi'eessuu Ishee
( Luq 1:46-55 )

1 Yommus Haannaan kadhata ishee keessatti, <<Waaqayyo ulfina waan anaaf kenneef, Garaan koo isatti in gammada; inni waan na gargaareef, ani diinota koo irratti ofan jaja.

2 Yaa Waaqayyo, qulqulluun akka keetii tokko illee hin jiru; si malees kan biraa hin jiru; akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf ta'u hin jiru.

3 Of tuulummaa keessan hin baay'isinaa! Of jajuunis afaan keessan keessaa hin ba'in! Waaqayyo gooftichi beekaa dha! Hojii namoota hundumaas miijana irra kaa'ee in ilaala.

4 Iddaan warra jajjaboo in caba, warri dadhaboonni garuu humna isaan jabeessu in hidhatu.

5 Egaa warri quufoo turan buddeenatti of gurguraniiru, warri beela'aa turan garuu si'achi hin beela'an; dubartiin isheen dhabduun ijoollee torba deesseetti; haati ijoollee baay'ee garuu gadda irraa kan ka'e laabbofteetti*.

6 <<Waaqayyo in ajjeesa, in jiraachisas; gara iddoo lafa jalaatti gad in buusa, achi keessaas ol in baasa*.

7 Waaqayyo nama in deegsa, in badhaasas; inni nama gad in deebisa, olis in qaba*.

8 Inni hiyyeessota awwaara keessaa in kaasa, warra dhaboos tuullaa kosii keessaa ol in kaasa; gurguddootaa wajjin isaan in teessisa, teessoo ulfinaas akka isaan dhaalan in godha; utuboonni lafaa kan Waaqayyoo ti, inni utuboota sana irra biyya lafaa in kaa'e*.

9 Waaqayyo miilla namoota isaaf of kennanii in eega; warri jal'oonni garuu dukkana keessa in balleeffamu; namni humna isaatiin mo'icha hin argatu*.

10 Waaqayyo waaqa irraa isaanitti in qaqaweessa'a, warri isaan morkatanis in hurreeffamu; inni daariidhaa hamma daariitti biyya lafaatti in farada; isa ofii dibee moosiseef garuu humna in kenna, ulfina Masiihii isaatiis ol in kaasa>> jette*.

11 Ergasii Elqaanaan gara Raamaatti deebi'ee mana isaatti in gale; Saamu'el mucichi garuu Elii lubicha biratti hafee Waaqayyoof hojjechaa ture.


Ilmaan Elii Warra Waa'ee Hin Baafne Lamaan

12 Ilmaan Elii Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waa'ee hin baafnes turan;

13 akka isaan amala godhatanitti, yeroo namoonni aarsaa qalmaa dhi'eessanitti foonichi affeelamaa utuu jiruu, hojjetaan luba tokkoo filoo mataa sadii qabu fudhatee in dhufa.

14 Filoo sanaanis beddee keessaa yookiis huuroo keessaa yookiis okkotee keessaa yookiis xuwwee keessaa waraanee foonicha in fuudha, hamma filoon sun fuudhe hundumaas lubichaaf in geessa ture; namoota Israa'el warra gara Shiiloo dhufan hundumaa akkuma kana godhanii in rakkisu turan.

15 Kana duwwaas utuu hin ta'in moorri qalma sanaa gubamee utuu hin aarfamin iyyuu hojjetaan lubichaa dhufee namicha aarsaa dhi'eessuun,<<Lubichi foon affeelamaa si harkaa waan hin fudhanneef, ani isaaf nan waadaatii, foon dheedhii anatti kenni!>> jedha.

16 Yommuu namichi,<<Akka seeraatti dura moorri isaa gubamee haa aarfamu! Isa booddee hamma garaan kee barbaade in fudhatta>> ittiin jedhutti, hojjetichi immoo,<<Waawuu! Amma anatti kenni malee, yoo diddes humnaanan fudhadha>> jedhaan.

17 Aarsaa namoonni Waaqayyoof dhi'eessan waan salphisaniif, cubbuun ilmaan Elii Waaqayyo duratti sonaan guddaa in ta'e*.


Saamu'el Hojii Waaqayyoo Keessatti Guddachuu Isaa

18 Saamu'el mucichi dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame diratee Waaqayyoof in hojjeta ture.

19 Haati isaas wagguma waggaan aarsaa dhi'eessuudhaaf abbaa manaa ishee wajjin yommuu ol baatutti, uffata ba'eessa irra keessatti uffatan xinnaa tokko qopheessitee in geessitiif turte.

20 Eliin immoo Elqaanaa fi haadha manaa isaa eebbisee,<<Waaqayyo qooda mucaa isa Haannaan galchii gootee isumaaf kennitee isheedhuma irraa dhala siif haa kennu!>> jedheen; kana booddee isaan gara mana isaaniitti in deebi'an.

21 Ammoo Waaqayyo Haannaa in yaadate; isheen in ulfoofte, dabaltees ilmaan sadii fi intaloota lama in godhatte; Saamu'el mucichi immoo hojii Waaqayyoo keessatti in guddate.

22 Eliin yeroo sanatti baay'ee dulloomee ture; inni waanuma ilmaan isaa namoota Israa'el hundumaa irratti hojjetan, dubartoota balbala dunkaana itti walga'aniitii hojjetan bira akka ga'anis dhaga'ee,

23 <<Namoota hundumaatii waa'ee hojii keessan isa hamaa nan dhaga'a; maaliif waan akkasii hojjettu>>

24 Yaa ijoollee ko! Waa'ee saba Waaqayyoo karaa irraa kaachisuu keessanii kanan dhaga'u kun gaarii miti;

25 namni nama tokko yoo yakke Waaqayyotu gidduu gala, namni yoo Waaqayyoon yakke garuu eenyutu gidduu gala ree?>> jedheen; ilmaan isaa garuu, sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef abbaa isaaniitiif hin dhageenye.

26 Saamu'el mucichi Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaan guddachaa in adeeme*.


Maatii Elii Irratti Raajiin Dubbatamuu Isaa

27 Yommus namni Waaqayyoo tokko gara Elii dhufee, ergaa Waaqayyoo isatti hime;<<Waaqayyo,<<Sanyiin abbaa keetii biyya Gibxii, harka Fara'oon jala yommuu turan, ani isaanitti mul'adheera mitii ree>>

28 Abbaa kee luba akka anaaf ta'uuf iddoo aarsaa kootiitti ol ba'ee ixaana akka aarsuuf, dirata fuula duraas diratee ana duratti akka argamuufan gosa Israa'el hundumaa keessaa isa fo'adhe; akkasumas waan Israa'eloonni qalma gubamuuf dhi'eessan hundumaa sanyii abbaa keetiif nan kenne*.

29 Atii fi ilmaan kee garuu aarsaadhaaf kennaa sabni koo godoo koo keessatti akka anaaf dhi'eessan abboommadhe maaliif salphiftan>> Ilmaan kee kennaa sabni koo anaaf dhi'eessan keessaa isa hundumaa caaluun foon isaanii akka gabbifataniif cal jettee maaliif ana caalaa isaaniif ulfina kennite?

30 << <Ani Waaqayyo gooftichi Israa'el:- Dhuguma sanyiin kee, sanyiin abbaa keetiis yeroo hundumaa ana dura deddeebi'anii anaaf in hojjetu jedheen ture; si'achi garuu akkas hin ta'u; warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna, warra na tuffatan immoo nan salphisa.

31 Kunoo, sanyii kee fi sanyii abbaa keetii keessaa jaarsi akka hin argamneef, yeroon ani itti ol adeemaa kee hundumaa karaatti hambisu in dhufa*.

32 Bara baraan sanyii kee keessaa namni jaarsomu hin argamu; ati immoo akka diinaatti ilaaltee wanta ba'eessa Israa'elootaaf godhamutti in hinaafta.

33 Nama kee keessaa inni ani iddoo aarsaa kootiitii akka inni hojjetuuf hambisu iji kee akka dadhabuuf garaan kees akka gadduuf sababii sitti in ta'a; siif kan dhalatu hundinuu ijoollummaadhaan in du'a.

34 Kanaafis ilmaan kee lamaan Hofnii fi Fiinehaas guyyaa tokkotti in du'u; kunis milikkita siif in ta'a*.

35 Anis luba amanamaa isa wanta ani garaa kootti yaadu hojjetu nan kaafadha; inni yeroo hundumaa mootii ani dibee moosise duratti in hojjeta; ani immoo mana sanyii isaa jabeessee nan dhaaba.

36 Yommus sanyii kee keessaa warri hafan gara lubichaa dhufanii in qoomma'uuf; adduma addaanis meetii yookiis buddeena isa in kadhatu; itti dabalaniis, hadaraa, cabaadhuma buddeenaa illee akka ittiin nyaannuuf hojii lubummaatti nu galchi jedhanii isa in kadhatu>> jedha>> jedhe.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Follow us:



Advertisements