1 ቆሮንቶስ 2 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooKristosin Isa Fannifame Duwwaa Beekuu 1 Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuudhaan, dhoksaa Waaqayyoo isinitti lallabaa hin dhufne*. 2 Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture*. 3 Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom'a baay'eedhaanan isin bira ture*. 4 Dubbiin afaan koo, lallabni koos humnii fi hafuurri Waaqayyoo akka na keessa jiru argisiise malee, dubbii ogummaa namaa keessaa ba'een amansiise miti*. 5 Egaa amantiin keessan humna Waaqayyoo irra malee ogummaa namaa irra hin dhaabanne*. Ogummaa Waaqayyoo 6 Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa bara si'anaa, yookiis ogummaa warra biyya lafaa kana seerratanii, ofiis golgolaa'uuf jiranii, yoo ta'uu dhabaate iyyuu, warra bilchaatan keessatti immoo dubbii ogummaa in dubbanna. 7 Nuyi dubbii dhoksaa ogummaa Waaqayyoo isa hin beekamin ture sana dubbanna; Waaqayyo ulfina isaa irraa akka hirmaannuuf uumamuu biyya lafaa dura ogummaa sana yaadee qopheesse*. 8 Warra biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta'ee, gooftaa ulfinaa hin fannisan turan*. 9 Caaffata qulqullaa'oo keessatti, ?Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, ijji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye? in jedha*. 10 Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul'ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a*. 11 Waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee, namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu. 12 Ammas nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne*. 13 Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu*. 14 Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u*. 15 Namni hafuuraa waan hundumaa shallaga, isa garuu namni tokko iyyuu hin shallagu*. 16 Caaffanni qulqullaa'aan, ?Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a?? jedha. Nuyi garuu yaada Kristos qabna*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia