Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -



Gara Worra Filiphisiiyusii INTRO1 - Waadaa Haarawa

1

Seensa
Phaawulos ergaa kana ka barreesse, Maqedooniyaa ka jedhamu kutaa biyya Rooma'aa titti argamittu woldaya amantii Filiphisiiyuus jirttutti, woldeenni tun'llee Phaawulos biyya Auroopha'aa titti yeroo jalqabaatiif ka dhaabe turtte, ergaan'llee ka barreeffame Phaawulos mana hidha'aa yeroo ture, tajaajiltoota kristaanaa kaanniin irraa mormmiin yeroo isa irra gayee fi sababaa barsiisa dharaatiin ka woldaya Filiphisiiyusii keessatti ka'een, yeroo onneen isaa gaddaan cabetti. Haa ta'u malee Phaawulos amantiin Yesus Kristosiin irratti qabu ka haalaan gad fagaate ta'uu isaatiin, ergaa kana keessatti guddatee ka muldhatu, gammachu'uuf fi ufitti amanummaa guutu'u.
Phaawulos ergaa kana sababaan barreeseef durssaan, yeroo rakkinna isaa titti isa gargaaru'uuf kennaa erganii waan turaniif, amanttoota Filiphisiiyusii galateeffachu'uuf, isaan ta'ee isaan irratti'llee rakkinnoonni adda addaa ka gayanii yoma turan'llee, uggiinsaa fi ufitti amanamummaa guutuu akka qabaataniif carraa kanaan isaan ni jajabeessaan. Ufi tuulumma'aa fi ufi dhaaduu dhabamisiisanii mataa gad qabatiinssa Yesus Kristositiin akka guuttamaniif cimssee isaan ni yaadachiisa, Yesus Kristosiin woliin hafuuraan tokko ta'u'uun jireenni argatan, kennaa Waaqaa ka bilisaa irraa ka burqqee fi amanti'iin ka fudhatan malee, Seera raawwchu'uun ka argamee miti jechu'uun, isaan ni yaadachiisa, Yesus Kristosiin woliin hirmmaachu'uun worra jiraatan maraaf, waayee nagayaa fi gammachuu Waaqinni isaanii kennamuu, isaanii ni barreessa.
Ergaan kun ka beekkamu gammachuu, ufitti amanamummaa, tokkumma'aa fi jireenna amantii kristaanumma'aatiin jabeenna ol guddisee muldhisuu isaatiin, dabalataan'llee ergamittichi Phaawulos woldaya amantii Filiphisiiyusiitiif, jaalala ol aanaa qabu ni ibisa.
Woliigala Qabiyyee Kitaabchaa
Seensa 1:1-11
Haala Phaawulos ni qaba ture ka dhuunffa'aa 1:12-26
Fakkeenna jireenna kristaanumma'aa 1:27—2:18
Karoora Ximotewosii Fi Ephaafroditus 2:19-30
Mormmitoota amanti'ii irraa ufi eeggachiisa 3:1—4:9
Galata gorssa Phaawulos kristaanotaa fi dhiyeesse 4:10-20
Woliigala 4:21-23

Follow us:



Advertisements