Gara Worra Filiphisiiyusii 3 - Waadaa HaarawaQulqullaawoma Dhuga'aa 1 Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a. 2 Akka sare'ee asii fi achi worra fiigan hameenna raawwattoota irraa ufi eeggadhaa, foon ka mummuran worra gadoomssan, irraa ufi eeggadhaa. 3 Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra. 4 Dhaadachuun ka barbaachisu yoo ta'e ani waan baayi'een dhaadachu'uuf ni dandda'a, seera duubanaan muldhatuun naminni dhaadatu yoo jiraate, ani isa caala'aatti ka ittiin dhaadadhu waan baayi'ee ni qaba. 5 Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture. 6 Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture. 7 Eegaa asiin durana fayyadoota jedhee wonittoota itti amana ture maraa waayee Kristositiif jedhee, akka waan tasa gatii hin qabnnee taasisee isaan ni laakkaya. 8 Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya. 9 Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun. 10 Sababaan bira'aa Kristosii fi huminna du'aa kaiinssa Kristosii beeku'uuf, qoodamtoota rakkinna isaa ta'uu fi du'aan'llee isa fakkaachu'uuf. 11 Akkuma kana eega du'een duubatti ka'ee bara baraaf lubbu'uun jiraachu'uuf, abddii taasisuu kiyyaan. Gara Bakka Gayuu Qabuu Gayu'uuf Fiiguu 12 Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha. 13 Yaa obboleeyyan! Amma'llee akka waan achi gayee titti hin lakkaayu, garuu waan tokko ni raawwadha, waan duuba kiyyaan jiru iraafata'aa ka fuundura kiyyaan jiru qabu'uuf ni hiixadha. 14 Kennaa kiyya'llee argachu'uuf gara bakka gayuu qabu ka durana kiyyaan jiruu ni fiiga, kennaan kun'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin gara olii waamee, jireenna naaf kennu. 15 Eegaa nu'u worri jireenna Hafuuraatiin jabaanne marrinuu yaada kana fakkaate kana qabaachuu ni qabnna, Yaanni ittiin gargar baatan jidduu keessan yoo jiraate, yaada kana'llee Waaqinni ifa isiniif ni taasisa. 16 Kan ta'ee san haga ammaa titti jireenna hafuuraa ka irra geenneen woliin wol ka madaalu haa ta'u. 17 Yaa obboleeyyan kiyya! Worra fakkeennummaa kenna horddofan maraa, hubadha'aatii laalaa. 18 Ammaan durana yeroo baayi'ee akka isinitti himee fi amma'llee imimmaan kiyya jissa'aa akkuma isinitti himu mara baayi'eewwan adeemissa isaaniitiin, diinota fannoo Kristosii ta'anii jiran. 19 Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i. 20 Nu'u garuu lammiiwwan mootummaa sami'iiti, achii'llee ka dhufu Fayyisaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, hawwi'iin ni eeggannaan. 21 Inni qaama keenna ka salphate kana jijjiiru'uun qaama isaa ka ulfinnaa akka fakkaatu ni taasisa, kana'llee ka raawwatu, aangoo isaa jala taasisu'uuf huminna isa danddeesisuun. |