Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -



Gara Worra Filiphisiiyusii 2 - Waadaa Haarawa


Fakkeennummaa Mataa Gad Qabata Kristosii

1 Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan,

2 kanaaf yaadaan, jaalalaan, hafuuraan, kaayyoon wolii gala'aa, gammachuun kiyya guutu akka ta'u taasisaa.

3 Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.

4 Akkuma kana tokkoon tokkoonuu faayiddaa mataa ufii qofa uduu hin ta'in, faayiddaa nama bira'aa'llee haa yaadu.

5 Haala kanaan Yesus Kristos ka mulidhise hujiin mataa gad qabataa, jireenna keessan keessa'llee jiraachuu ni qaba.

6 Inni yeroo maraa amala Waaqumma'aa ni qaba, haa ta'u malee Waaqaan woliin waan qixa isa taasisu, amala huminna Waaqa jiraata'aa, akka qabatetti hin lakkoofnneen.

7 Gonkumaa kabaja qabu maraa dhiisee akka garbichaa ta'ee ni muldhate, akka namaa titti'llee ni dhalate, Fakkeenna namaatiin'llee ni muldhate,

8 mataa gad qabataan ufi gad ni qabe, haga du'aa titti'llee, san'llee fannoo irratti fannifamee, haga du'uu titti, ajajamaa ni ta'e.

9 Waayee kanaan Waaqinni gara bakka waan maraa ol jiruu, bakka ulfinnaa ol isa ni qabeen, maqaa maqaa mara caalu'llee ni kenneef.

10 Kanaaf maqaa Yesusiitiif ulfinna, sami'ii fi arddi'itti, arddi'ii gaditti'llee worri jiran marrinuu, jilbba isaaniitiin ni jilbbiiffatan.

11 Afaan isaaniitiin'llee, «Yesus Kristos Goofta'a» jedhanii ragaa bayu'uun, Waaqa Abba'aaf ulfinna ni kennan.


Namoota Biyya Lafaatiif Akka Ifaa Titti Ibbisuu

12 Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.

13 Waaqinni ajajamummaa isiniif kenna'aa kaayyoo isaa gara muumme'eetiin gayu'uuf, isin keessatti ni hojjata.

14 Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.

15 Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.

16 Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u.

17 Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.

18 Akkuma kanaan'llee isin gammaddanii ana'llee qoodamaa gammachuu keessan ana taasfittan.


Tajaajila Ximotewosiitii Fi Ephaafroditus

19 Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.

20 Waayee haala keessaniitiif onnee guutu'uun ka yaadu Ximotewosiin malee, nama bira'aa ani hin qabu.

21 Kuunniin garuu faayidama mataa isaanii qofa ari'an malee, waayee hujii Yesus Kristositiif dhiphama hin qaban.

22 Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.

23 Kanaaf dhimmi kiyya maal irra akka gayu eega hubadheen duubatti Ximotewosiin dadafaan gara keessan akka isiniif ergu, abddii ni taasisa.

24 Gonkumaa ani mataan kiyyaa dadafaan gara keessan dhufu'uuf akka dandda'u, Gooftaan ana gargaara jedhee ni amana.

25 Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture.

26 Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.

27 Dhugamaanuu haalaan dhukkubsatee haga du'aa titti'llee dhiyaatee ture, garuu Waaqinni dhiifama isaa ni taasiseef, isa qofaaf uduu hin ta'in gaddi gadda irraan akka narratti hin dabalamnne, ana'llee dabalu'uun dhiifama naaf ni taasise.

28 Kanaaf isin isa laalu'uun akka gammaddanii fi gaddi kiyya'llee akka salphatuuf, isa gara keessan ergu'uuniif caala'atti ni barbaade.

29 Egaa nama Gooftatti amane akka ta'uu isaatiin gammachu'uun ufitti fudhadha'aanii, namoota akka isaa jiran maraa isaan kabajaa.

30 Isin dhiyeennatti argamittanii gargaarssa naaf raawwachuu hin danda'in inni guutu'uuf jedhee, waayee hujii Kristositiif lubbuu isaatiif uduu hin sodaatin haga du'uu titti dhiyaatee ture.

Follow us:



Advertisements