Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -



Gara Worra Filiphisiiyusii 1 - Waadaa Haarawa

1 Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,

2 Abbaa keenna Waaqaa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Kadhannaa Phaawulosii Ka Galataa

3 Isin yeroo yaadadhu marattuu Waaqa kiyya ni galateeffadha,

4 waayee keessaniif yeroo kadhadhu marattuu, kadhannaan kiyya gammachu'uun ka guuttame.

5 Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,

6 hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.

7 Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.

8 Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.

9 Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.

10 Kun'llee waan fooyaye qorattanii akka beekittanii fi guyyaa Kristos deebi'ee dhufutti, Qulqullu'uu fi worra heeyibiin isinitti hin jirre taatanii, akka argamttaniif.

11 Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan.


Hidhamuun Phaawulosii Babaldhachuu Wongeelaatii fi Akka Gargaare

12 Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.

13 Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan.

14 Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran.

15 Haa ta'u malee tokko tokkoon isaanii dubbii gammachuu Kristosii ka lallaban hinaaffa'aan, kuunniin'llee hafuura mormmiitiin, kuunniin garuu Kristosiin ka lallaban onnee fayya'aatiin.

16 Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.

17 Sunniin garuu waayee Kristosii dabssanii ka lallaban qajeelummaan uduu hin ta'in, mataa isaanii jaalachuu fi hidhaana kiyya irratti rakkinna dabalataa ana irratti fidu'uuf yaadu'uun.

18 San ta'ee kana waan kanaan ni gammada fakkeessuun ta'ee dhugaan karaa maraanuu, Kristos ni lallabama.

19 Ka biraa waayeen ittiin gammadu kadhannaa keessan fi gargaarssa Hafuura Yesus Kristositiin bilisa akka bayu, waan beekuuf.

20 Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.

21 Kanaaf anaa jireenna jechuun Kristosiin jiraachu'uu, du'a jechuun'llee, faayyidaan waan ittiin argamu.

22 Haa ta'u malee qaama foonayaa kiyya kanaan itti fufee waan jiraadhu uduu ta'ee hujii firii kennu hojjachuu jechu'u, ta'u'llee garuu itti fufee jiraachu'uu fi du'uu, kamiin akka filadhu hin beeku.

23 Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.

24 Gara biraatiin lubbuun jiraachuun isiniif ka haalaan woyyaa ta'ee fi barbaachisa'a.

25 Kanatti amantiin ani du'a irraa hafee amantiin keessan akka guddatuu fi gammachuu akka argattaniif, isin mara woliinuu akka turu ni beeka.

26 Ani'llee deebi'ee gara keessan yoo dhufu dhaadannaan waayee kiyyaan qabddan, Yesus Kristosiin ni baayi'ata.

27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.

28 Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati.

29 Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.

30 Kanaf amma anaan woliin qoodamtoota rakkinnaa taatanii jirttan, rakkinni kun'llee asiin durana narra gayee ka argitanii fi amma'llee ka narra gaye ta'uu ka dhageettan.

Follow us:



Advertisements