Gara Worra Filiphisiiyusii 4:8 - WAADAA LAMMATAA8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. See the chapterWaadaa Haarawa8 Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa. See the chapterKitaaba Woyyuu8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. See the chapter |
Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.