Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

17 Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

17 Kunillee akka eebbi baay'atee isinii kuufamuuf malee ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17
26 Cross References  

Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.


Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatani, Abbaan kiyya kanaan kabajjama.


Eeganaa kana raawwadhee, gargaarsa wolitti qabame kana, eega isinitti kenneen maayii, Karaa keessaniin lufee, gara Ispaaniya'aa deema.


Ammallee akkana jedha; nama kamiifillee gowwaa waan ta'e isatti hin fakkaatin. Yoo gowwaallee isinitti fakkaadhe, diqqoo akka boonu akka gowwa'aatitti na laakkayaa'a.


Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii, gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsiisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.


Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf.


Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e.


ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,


Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.


Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,


Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.


Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.


Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman, inni mindaa hammeennaa jaalate.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Follow us:

Advertisements


Advertisements