Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

9 Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

9 Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9
56 Cross References  

Haata'uu ammoo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani Cubbamoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.


«Qajeelaan amanta'aan jiraata» jedhamee akkuma barreeffame qajeellumaan Rabbii amantaa irraa gara amanta'aa isaan waan mudhatuuf.


Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya.


Worri ergamoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyanitti nagaya naa himaa'a.


Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jirani amma murtii yakkaa jala hin jiran.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,


Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.


Haata'uu ammoo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee, ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef, nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in, Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.


Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeena.


Follow us:

Advertisements


Advertisements