Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

8 Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8
53 Cross References  

haadha Gooftaa kiyyaa gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti?


Ani ammoo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti.


Akka ani Aabbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan.


Ana uduu beettanii, akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan argitaniirtanille'e» jedheen.


Kanallee wonti isin irratti godhaniif, Aabbaa fi anallee waan hin beenneef.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.


Isaanillee, «Intala nana maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin wol bira qabamee yoo laallamu woomaa akka hin taane yaada.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera.


Isin jidduu hennaa jiru, waan Yesuus Kiristoosii malee, innillee akka inni fannifame malee waan biraa akka hin beenne waan kutadhee tureef.


ka Kana jedha'aaru sirima waan keennaafii mitii? ka qotu abdi'iin akka qotu, sangaan qotullee ka qote irraa akka nyaatu kun maruu qooda midhaanii akka argatu abdata'aa haa hojjatuu.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.


Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Haata'uu ammoo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee, akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.


Lubbuun tiyya amma akka dhibaayu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Eegasuu ulfinni isin worra amantanii fi worra hin amannee ammoo, «Dhagaan ogeessoonni mana ijaaran gatan sun, dhagaa handhuura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»


Ka hunna qajeellummaa isaatiif mishummaa ulfinna isaatiin nu waame beeku'uun, waan jireennaaf Rabbiin fakkaannuun nuu keenneef beekkomsi badhaadhumma'aa fi nageennii Rabbiitiif Gooftaa keenna Yesuusii isinii haa guddatu.


Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.


Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Follow us:

Advertisements


Advertisements