Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

19 Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

19 Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19
52 Cross References  

Inni ammoo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Achiin maayii ufiin, lubbuu tiyyaanillee, ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf, harabaafadhu, nyaadhu, dhugi, gammadi› jedha.


Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata.


Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee, inni ammoo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammoo inni yaada ufii keessatti, ‹Yoo Rabbiinillee hin sodaanne, namallee hin saalfanne,


Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.


Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aaf mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'u keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii?


Isinillee uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a.


Uf jajuun keessan misha'aa miti, raacitiin diqqoon bukoo maraa akka bukeessu hin beettanii?


Haata'uu ammoo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha.


Eeganaa tajajiltoonni isaallee tajaajiltoota qajeellota fakkaachu'uuf yoo uf jijjiiran waan gudda'aa miti. Dhumti isaanii akkuma hujii isaanii ta'a.


Gadoomuu keessaniin uf jajuu barbaadan malee, isaan worri gadoomanuu seera hin eenne.


Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.


Waan lafa irra jiran hin yaadinaa'a.


Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatanii badii bara baraa keessatti adabaman.


Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata.


Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra, uf gammachiisuu jaalatan ta'an.


Amma ammoo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a.


Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.


Kunniin ammoo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekanniin badan.


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Haguma isiin uf kabajjiteef haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Follow us:

Advertisements


Advertisements