Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

14 Kennaa kiyya'llee argachu'uuf gara bakka gayuu qabu ka durana kiyyaan jiruu ni fiiga, kennaan kun'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin gara olii waamee, jireenna naaf kennu.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

14 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:14
20 Cross References  

Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Oduun Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan.


Rabbi kenna'aa fi badhaadha waamsa ufiitiin hin gaabbu.


Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haata'uu ammoo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.


Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa kaddaamuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Kanaaf waan Kiristoosii ka dura namoonni barsiisan dhiifnee, gara bilchinnaa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Rabbitti amanu'uun, waan cuuphamu'uu, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa ti.


Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Follow us:

Advertisements


Advertisements