Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

11 Akkuma kana eega du'een duubatti ka'ee bara baraaf lubbu'uun jiraachu'uuf, abddii taasisuu kiyyaan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

11 Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:11
17 Cross References  

Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.


Maartaanillee, «Gaafa dhumaa hennaa worri du'an du'aa ka'an, akka inni du'aa ka'u hin beeka» jetteen.


Phaawuloos ammoo gariin isaanii Saduuqoota gariin ammoo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya, ani nama Fariisii Ilma Farisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.


Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri kenna kudha lamman, halkanii fi guyyaa jabaatanii kaddaama'aa akka bira gayaniif heddannoo qaban; mootii Agriiphaa, ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame.


Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa mirgaa fi bita'atti gara galanii gara kolba finiqee jedhamtuutiin gara buufata qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan.


Haata'uu ammoo gari gariin kore kore'een ta'a. Kiristoos du'aa ka'u'uun akka hangafaati. Kanaan maayessa ammoo hennaa inni deebi'ee dhufutti, worri du'aa ka'an ka Kiristoosiiti.


Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e.


Haata'uu ammoo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gattame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha.


Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera.


Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.


Worri du'an ammoo haga woggaan kumni sun raawwatamutti lubbu'uun hin jiraanne; kun du'aa ka'uu duraati.


Follow us:

Advertisements


Advertisements