Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen, Goofta'aan gammadaa'a waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammoo nagaya.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

1 Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen Goofta'aan gammadaa'a; waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammo nagaya.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1
46 Cross References  

Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan samii gubba'atti guddaa waan ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.


Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.


Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo araara amma argane karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiinillee uf janya.


Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Waan hafeen worra dandeetti'iif jabeenna Goofta'aatiin jabaadhaa'a.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a. Ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a!


Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Obboleeyyan tiyya! Amantaa keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa. Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'utitti laakkayaa'a.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.


Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Goshoota tiyya! Ergaan amma isinii barreessu tun ta lammaffa'aati. Dubbiin raattota woyyu'uun dura jedhamee ajaja Goofta'aaf qoricha keennaa akka yaadattaniif waan lamaan kana isin qaabsisa'aa onnee teessan qajeeltuu jajjabeessa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements