Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

9 Waayee kanaan Waaqinni gara bakka waan maraa ol jiruu, bakka ulfinnaa ol isa ni qabeen, maqaa maqaa mara caalu'llee ni kenneef.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9
46 Cross References  

Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,


Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu, isaan adunyaa kana irra jiraatan. Anillee gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u ka naa kennite kanniin akka keenna tokko akka ta'aniif maqaa keetiin eegi.


Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne


Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen.


Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.


Innillee qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.


Maqaan Rabbi isaa kenne maqaa ergamtoota Rabbii caalu akkuma ta'e, Ilmi Rabbii ergamtoota Rabbii caala.


Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha.


Haata'uu ammoo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.


Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran.


Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera.


Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Uffataaf gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa, Gooftootaa» jedhu qaba.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements