Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

22 Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

22 Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22
20 Cross References  

Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif.


Ximootiwoos isin bira yoo dhufe, inni sodaa malee isin woliin akka taa'u godhaa'a. Akkuma kiyya akkasuma hujii Goofta'aa waan hojjatuuf, kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne.


Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.


Kanaaf akkasuma waan barreessee tureef, waa maraanuu worra ajajamu akka taatan qoree beeku'uuf isinii barreesse.


Hennaa heddu waan hedduun qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef; ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.


Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaaniitti ibsaa'a.


Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu, haata'uu ammoo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha.


Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.


Kunniin akka ani waan Oduu Nagayaatiif ittisaa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennunillee waan hin qabneef.


Mucaa kiyya Ximotowos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.


Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif: Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu.


Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiftee amanta'aa fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.


Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif. Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu.


Ati ammoo barumsa kiyya, jireenna kiyya,


Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Abbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haata'u.


Follow us:

Advertisements


Advertisements