Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

17 Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

17 Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17
21 Cross References  

Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe.


Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.


Ani ammoo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e, hin kaffalla; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa?


Kanaafuu duuti isaa nu irratti, jireenni isaa ammoo isin keessatti hojjata.


Worra gaddu uduu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee, namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee, wonti maruu keenna.


Waan keessaniif amantaan kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.


Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.


Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.


Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee, hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.


Haata'uu ammoo maraa hin qaba, naa baayi'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee, gammachu'uun guuttameera.


Ani Amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta.


Akkasuma isin jaalata'aa Oduu Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna. Waan jaalatamtoota keenna taataniif.


Lubbuun tiyya amma akka dhibaayu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.


Isiniilee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a.


Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teennaa kennuu nu barbaachisa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements