Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

14 Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14
36 Cross References  

Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman.


Urgooftuun tun silaa gatii woggaa tokkoo caala'atti gurguramtee, saantimiin kun hiyyeeyyi'iif kennamuu hin woyyuu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.


Yesuusii fi darasoonni sadiin, gara darasoota kaawwanii hennaa dhufan, gumiin guddaan isaan marsanii, barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.


Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.


Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yeruusaalemii akka bayan murtaye.


Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme.


Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, obboleewwan tiyya worra Yihuudii hin taane afaan kiyyarraa Oduu Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka file isinuu hin beettan.


Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman, Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan, Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guuguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti haadha hiyyeeyyii isaanii waan dagataniif.


Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.


Nama amanta'aan dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isa irratti hin murteessinaa'a.


Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.


Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan ballessuun akka badan hin gururi'inaa'a.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Haata'uu ammoo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.


Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu.


Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.


Inni hamaa irraa haa fagaatuu, waan mishaa haa hojjatuu, soqatee faanaa haa deemu,


Guugummii tokko malee wol-keessummeessaa'a.


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements