Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:28 - WAADAA LAMMATAA

28 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

28 Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

28 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:28
24 Cross References  

Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.


Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen.


Innillee dhufeeti waan cubbuu, waan qajeellumma'aatii fi waan murti'ii adunya'atti hima.


Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [


Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.


Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine.


Ugginee, «Gooftaan na gargaara, hin sodaadhu; namni maal na godha?» jenna.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements