Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:25 - WAADAA LAMMATAA

25 Kanniin hubadheeti isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

25 Kanatti amantiin ani du'a irraa hafee amantiin keessan akka guddatuu fi gammachuu akka argattaniif, isin mara woliinuu akka turu ni beeka.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

25 Kanniin hubadhee isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:25
17 Cross References  

Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef, isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.


Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.


Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos, dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti woomaa dubbatuu hin uggu.


Gara keessanillee hennaa dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.


Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanta'aan galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna.


Nu gammachuu keessaniif isin woliin worra hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif.


Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a.


Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.


ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti harabaafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf.


Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinsa lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.


Follow us:

Advertisements


Advertisements