Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef, maal akka filadhu hin beeku.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

22 Haa ta'u malee qaama foonayaa kiyya kanaan itti fufee waan jiraadhu uduu ta'ee hujii firii kennu hojjachuu jechu'u, ta'u'llee garuu itti fufee jiraachu'uu fi du'uu, kamiin akka filadhu hin beeku.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

22 Haa ta'uu ammo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef maal akka filadhu hin beeku.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:22
14 Cross References  

«Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wol laalaan akka gootan beekeera.


Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada.


Rabbi banii duraan beeke hin ganne. Isin waan Eliyaasii attamitti akka Rabbiin afo'otti Israa'eliin himate kitaabni maal akka jedhe hin beettanii?


Yoo ka akka adaa namaatitti jiraannu ta'ellee akka adaa namaatitti hin lolu.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.


Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a.


Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.


Follow us:

Advertisements


Advertisements