Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

21 Kanaaf anaa jireenna jechuun Kristosiin jiraachu'uu, du'a jechuun'llee, faayyidaan waan ittiin argamu.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

21 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:21
16 Cross References  

Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,


Phaawuloos, Aphiloos, Keefaa, adunyaa tana, jireenna, du'a, ka qabuu fi ka dhufullee yoo ta'e, maruu keessan.


Manni keenna ka ardii tanaa ka akka dukkaana'aatitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.


Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu.


Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii akka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun narraa haa fagaatu.


Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.


Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef, maal akka filadhu hin beeku.


Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.


Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.


Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Follow us:

Advertisements


Advertisements