Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

13 Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

13 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:13
17 Cross References  

Phaawuloosillee, «Hennaa diqqoo keessatti yookiin hennaa dheeraa keessatti si qofa uduu hin taane, worri adha na dhagayan maruu, hidhaa kiyya kana malee, akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen.


«Namni kun waan isa ajjeesisu dhiisa'aa waan isa hiisisuu tokkollee hin goone» jedha'aa woliin qaaqan.


Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangafoota Yihuudotaa gara ufii waamee, Hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookiin sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan.


Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif shiboo sibiilaa kanaan hidhameera.»


Phaawuloos mana kireeffate keessa woggaa lama guutuu taa'ee worra gara isaa dhufan maraa simate.


Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha.


Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.


Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.


Rakkinnuma narratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Woyyoonni maruu, keessattuu ka gara worra mana mootii worra Rooma'aa ta'an, nagaya isinii dhaamaniiran.


Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.


Follow us:

Advertisements


Advertisements