Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:

See the chapter Copy

Waadaa Haarawa

1 Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:1
48 Cross References  

Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma ammoo, ‹Baallii isaallee ka biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barraayeeruuf.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.


Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Ximootiwoos isin bira yoo dhufe, inni sodaa malee isin woliin akka taa'u godhaa'a. Akkuma kiyya akkasuma hujii Goofta'aa waan hojjatuuf, kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne.


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloos obboleessi isaallee Ximootiwoos Woyyoota biyya Akaayiyyaa keessa jiraatan maraa woliin woldaa Kiristaanaa Rabbii ta Qorontoos jirtu maraaf.


Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.


Karaa amanta'aatiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,


Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif.


Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,


Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin!


Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.


Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haata'u.


Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa: Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiiniif haata'u.


Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine.


Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa woldaa Kiristaanaa ta Rabbii Abbaa keennaatii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta Tasolonqee keessa jirtuuf.


Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif: Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu.


Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbane, worra dhuddoo hin hawwine,


Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka kaddaamuu dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.


Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,


Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhameef obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi


Obboleessi keenna Ximootiwoos akka mana hidha'aatii hikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.


Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammoo gara tisse'eef eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.


«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.


Follow us:

Advertisements


Advertisements