Uumama 2:19 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo19 Waaqayyo gooftaan biyyoo irraa bineensa bakkee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'an hundumaafis bifa tolche, maal jedhee akka inni isaan waamu ilaaluudhaaf gara namichaatti isaan fide; wanti namichi uumama lubbuu qabaatee jiraatu ittiin waame hundinuu immoo maqaa in ta'eef. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa19 Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ19 ዋቀዮ ዋቅንስ ብኔንሳፊ ስምብሮተ ሰሚ ሁንዱማ ለፈራ ቶልቼ። መቃ እን እሳኒፍ ባሱ እላሉፍ ጄዼስ ገረ ነምቻት እሳን ፍዴ፤ ወን ነምች ሱን ቶኮ ቶኮ ኡመመወን ሉቡ ቀቤዪ እቲን ዋሜ ከምዩ መቃ ተኤፍ። See the chapter |