Luqaas 8:29 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo29 Kana jechuun isaas, hafuurichi hamaan namicha keessaa akka ba'uuf, Yesus waan abboomee tureef. Yeroo baay'ee hafuurichi hamaan yommuu isa qabu, funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin isa hidhanii, eeguu utuma yaalanii, hidhaa sana ciree, humna hafuuricha hamaatiin gara lafa namni hin jirreetti in oofama ture*. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa29 Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ29 ዬሱስ አከ ሀፉር ጡራኣን ሱን ነምቸ ኬሳ በኡ አጀጄ ቱሬቲ። ሀፉር ሱንስ ዬሮ ባይኤ እት ከኣ ቱሬ፤ ነምች ሱን ዮ ሀርካፊ ሚልሳ ፎንጫን ህዸሜ ኤገማ ቱሬዩ፣ ህዻሳ ኦፍራ ኩኩቴ፣ ሀፉረ ሀማ ሰናን ገረ ለፈ ነምን ህንጅሬት ጌፈማ ቱሬ። See the chapter |