Daaniʼel 9:26 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo26 Dibamee kan moosifame tokkos waggaa torba si'a jaatamii lamaa sana booddee firdii malee lafa irraa in balleeffama; namoonni geggeessituu isa dhufu tokkoos, mandarattii, mana qulqullummaas in balleessu; hamma dhumaattis lolli, diigamuu fi balleeffamuun inni murtoo ta'e irra in ga'a; dhumni geggeessituu sanaas lolaa bishaaniitiin in ta'a*. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ26 ‘ቶርበን’ ጃተሚ ለመ ቦዴ መሲህች ንአጄፈመ፤ ወን ቶኮዩ እሳፍ ህንሀፉ። ነሞትን ቡልቻ ዹፉፍ ጅሩ ቶኮ መጋላ ሰናፊ እዶ ቁልቁሉ ንበርበዴሱ። ዹምንስ አኩመ ሎላት ዹፈ፦ ወራን ሀመ ዹማት እት ፉፈ፤ በዲስንስ ለብሰሜረ። See the chapter |