Daaniʼel 6:7 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo7 Ati mootichi,<<Namni hamma guyyaa soddomaatti gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokko illee dhi'eesse, boolla leencotaa keessa akka buufamuuf>> abboommii dhaabataa baaftee isa ittifame kanas cimsitee hojii irra akka oolchituuf, warri mata-dureen mootummichaa, warri mataa kutaa hojii irra jiran, warri kutaa biyyaa bulchan, gurguddoonni mana mootichaa, abboonni biyyaas hundinuu waliif galaniiru. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ7 ያ ሞቲ፣ አከ ነምን ሀመ ቡልቲ ሶዶማት ስ መሌ ዋቀ ዮካን ነመ ከምዩ ከዸቱ ከምዩ ቦለ ሌንጫት ደርበተሙ፣ አከ ሞትች ለብሲ ባሴ አጀጅንሳስ ጭሙ ቡልችቶትን ሞቱማ፣ ሙደሞን፣ እልማን ሞቶታ፣ ጎርስቶትኒፊ ቆንዳልቶትን ሁንድ ወሊ ገለኒሩ። See the chapter |