Daaniʼel 11:36 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo36 <<Mootiin biyya gara bitaa sun akkuma isatti tole in hojjeta; waaqayyolii hundumaa gara irraatti ol of in qaba, of in gurguddisa; Waaqayyo isa waaqayyolii hundumaa gara irraa jiru irrattis arrabsoo sodaachisaa in dubbata; hamma dheekkamsichi guutummaatti raawwatamutti, wanti inni hojjetu wal in qixxaataaf; Waaqayyo biraa kan murame immoo hojii irra in oola*. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa36 “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ36 “ሞቲን ዋን ጃለቴ ሆጄተ። እን ዋቀ ከምዩ ጫላ ኦል ኦል ኦፍ ቀቤ ዋቀ ዋቆታ ሞርሙዻን ዋን ዸገአሜ ህንቤክኔ ዱበተ። እን ሀመ ዬሮን ዼከምሳ ጉተሙት ንምልካአ፤ ወን ሙርቴፈሜ ሱን ጉተሙ ቀባቲ። See the chapter |