2 ሳሙኤል 12:3 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo3 inni hiyyeessi garuu ilmoo hoolaa guddifachuuf bitate tokko malee, homaa tokko iyyuu hin qabu; isheen harka isaatiin ilmaan isaa wajjin in guddatte, midhaan inni nyaatu irraa in nyaatti, qodaa inni keessaa dhugu keessaas in dhugdi turte; inni gudeeda isaa irratti ishee in baata, isheenis isa irra in rafti; inni akka intalaatti ishee in ilaala ture. See the chapterHiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa3 namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte. See the chapterክታበ ቁልቁሉ፣ ሂካ አመያ ሃራ3 ነምች ህዬስ ሱን ገሩ ጎሮምቲ ሆላ ከን ብተቴ ጥኖ ቶኮ መሌ ሆማ ህንቀቡ ቱሬ፤ እንስ ጎሮምቲ ሆላ ሰነ ንኩኑንሴ፤ ሆላን ሱንስ እሳፊ እጆሌሳ ብረት ጉደቴ። እሼን ኛተሳራ ኛቻ፣ ዹጋቲሳራ ዹጋ፣ ቦባሳ ጀለ ጪሳ ቱርቴ። ጎሮምቲን ሆላ ኩን እሳፍ አኩመ እንተለሳ ቱርቴ። See the chapter |