Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9 - Waadaa Haarawa

9 Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

9 Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

9 Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9
36 Cross References  

«Kunoo, durbbi duudaan ni ulfooftti, ilma dhiiraa'llee ni deetti, maqaan isaa'llee ‹Amaanu'eel› jedhamee, ni waamama. Amaanu'eel jechuun'llee, Waaqinni nu'u woliin ni jira» jechu'u.


Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe.


Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.»


«Waan ani isinitti himu hin raawwattan, eegaa, waayee maali'itiif yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! Jedha'aa ana waamitan?


Yesus'llee, «Dubbii Waaqaa dhagayanii worri raawwatan marrinuu, isaan haadha kiyyaa fi obboleeyyan kiyya» jedhe.


Waan kana uduu beekittanii fi hujii irra uduu oolichitaniinii, isin ka eebbifamttan.


Isin'llee waan ani isin ajaju uduu raawwattan, waaheloota kiyya.


Yeroo sanitti haati isaa tajaajilttoota achi turaniif, «Waan inni isiniin jedhu raawwadhaa!» isaaniin jette.


amma garuu ka'iitii gara magaala'aa aseen, wonitti raawwachuu qabddu achumatti sitti ni himama» jedheen.


Waaqinni nagayaa isin mara keessan woliinuu haa ta'u! Amen.


Kana yoo raawwattan Waaqinni nagayaa dadafee sheexana miila keessan jalatti, isiniif ni cacabssa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.


Eegaa yoo nyaattan ta'ee yoo dhugiddan yookiin woma kamiiyyuu yoo raawwattan, waan maraayyuu ulfinna Waaqaatiif raawwadhaa.


Woldaya ummata Waaqaa mara birattuu akkuma raawwatamu, Waaqinni Waaqa nagayaati malee Waaqa jeequmssaatii miti.


Kanaaf fakkeennummaa kiyya akka horddofttaniif, isin ni kadhadha.


Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.


Yaa obboleeyyan kiyya! Worra fakkeennummaa kenna horddofan maraa, hubadha'aatii laalaa.


Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.


Rakkinni baayi'een isin irra yoma gaye'llee karaa Hafuura Qulqullu'uutiin gammachuu argameen dubbii isaa fudhattanii, fakkeenna keennaa fi Gooftaa Yesusii fudhattanii ka horddofittan taatanii jirttan.


Yaa obboleeyyan, Isin'llee worra arddii Yihuda'aa titti argaman Yesus Kristositiin fakkeennummaa woldayoota amanti'ii horddofttanii jirttan, akkuma Yihudotaan rakkinni isaan irra gaye maraatti isin'llee woruma keessaniin, rakkinni isin irra ni gaya.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


waan isin ajajinnu amma'llee ta'ee ufi duranaaf'llee akka raawwattaniif, Goofta'aan isinitti ni amana.


Gooftaan si'iin woliin haa ta'u. Kennaan Waaqaa ka bilisaa si woliin haa ta'u.


Dubbii isaa hujii irra worra oolichu ta'aa malee mataa keessan soba'aa, dhageefattoota qofa hin ta'inaa.


Kanaaf yaa obboleeyyan! Waamamuu keessan fi filatamuu keessan mirkanneessu'uuf caala'atti worra hawwitan ta'aa, kana yoo raawwattan gonkumaa hin gufattan.


Ajajoota Waaqaa ka raawwannuu fi waan isa gammachiisu'llee ka raawwannu waan taaneef, waan kadhannuu maraa isa irraa ni ariganna.


Follow us:

Advertisements


Advertisements