8 Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.
Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota duranatti mataa keessan qulqullaayomaa ni fakkeesitan, Waaqinni garuu onnee keessan ni beeka, nama duranatti ulfinna qaba fakkaatee ka muldhatu, Waaqaa duranatti ka jibbame.»
Yeroo sanitti Yerusaalemitti Simoon ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee jireenna isaa Waaqaaf ka kenne nama qulqullaayome ture, fayyinna abddii Israa'eelii'llee ni eeggata ture, Hafuurri Qulqulluun'llee isa irra ni jira ture.
Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture.
Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin.
«Achi'llee nama Ananiiyaas jedhamu tokkotu jira ture, naminni kun'llee Yihudota Damaasqoo jiraatan mara birattuu ka galateeffame, Seera kabajaa fi nama hafuurayaa ture.»
Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu.
Waaqa sodaachu'uu fi amala misha'aan eemarama'aa nagayaa fi tasgabbi'iin akka jiraannu, keesumaanuu nugusotaa fi worra aangoo ol aanaa irra jiran maraaf kadhadhaa.
Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u.
Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.