Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7 - Waadaa Haarawa

7 Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7
43 Cross References  

Inni worra dukkanaa fi gaadisa du'aa jala jiran maraafuu ni ibisa, tarkaaniffii keenna'llee gara karaa nagayaa titti, ni eemara.»


«Sami'itti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! ardditti'llee namoota Waaqinni jaalatu maraaf nageenni haa ta'u!» ni jedhan turan.


«Nagaya isiniif ni dhiisa, nagaya kiyya'llee isinii ni kenna, nageenni ani isinii kennu nagaya akka biyyi lafaa isinii kennuutii miti, onneen keessan hin sarddamin, akkuma kanaan'llee hin sodaatin.»


Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Mootummaan Waaqaa qulqullaawoma Hafuura Qulqullu'uun argamu, nagayaa fi gammachu'uuti malee, waayee nyaataatii fi dhugaati'iitii miti.


Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna.


Eegaa nu'u qulqullaawoma ka arganne amanti'iin waan ta'eef, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, Waaqaan woliin nagaya ni qabnna.


Waayee waan foonii yaaduun du'a ni fida, waan hafuuraa yaaduun garuu jireennaa fi nagaya'llee ni fida.


Waaqa beekuu irratti gufuu ta'anii worroota ka'an mormma'aa fi ufi tuulummaa ni diiginna, yaada namootaa mara'llee booji'aa Kristosiif akka ajajaman ni taasfnna.


Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.


Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa,


kana ka beekkomissa namaatii ol ta'e jaalala Kristosii akka beekittaniif, guutamiinssa Waaqaa ka muda maleessa ta'een guuttamu'uuf'llee akka geettaniif, ni kadhadha.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Abbaa keenna Waaqaa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Kanaaf Waaqinni kiyya ulfinnaa fi durummaa isaa karaa Yesus Kristositiin, waan isin barbaachisu maraa isiniif ni kenna.


Amantoota maraaf maqaa Yesus Kristositiin nagayaa naaf dhiyeessaa, ana woliin obboleeyyan jiran'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan.


Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a.


Kutaawwan qaama tokkoo taatanii dhugamaanuu ka waamamittan nagaya kanaaf waan ta'eef, nageenni Kristosii onnee keessantti haa moo'u, ka galateeffattan'llee ta'aa.


Gooftaan nagayaa mataan isaatuu yeroo maraa waan maraan'llee nagaya isiniif haa kennu, Gooftaan isin mara keessan woliinuu haa ta'u.


Tissichi Hoolotaa ol aanaan Gooftaa keenna Yesusiin, dubbii waadaa bara baraa ka dhiigaatiin du'aa ka isa kaase Waaqinni nagayaa,


Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,


Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,


«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»


Follow us:

Advertisements


Advertisements