Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:5 - Waadaa Haarawa

5 Mishummaan keessan nama mara birattuu ka beekkame haa ta'u, Gooftaan deebi'ee dhufu'uuf dhiyaatee jira,

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

5 Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

5 Gara laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu; Gooftaan dhiyo'o.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:5
25 Cross References  

«Kanaaf akkana isiniin jedha, ‹maal nyaanna? maal dhuginna? maal'llee uffannaa?› jechu'uun, waayee jireenna keessaniitiif hin sarddaminaa, nyaata irra jireenni, uffata irra'llee qaaminni hin caaluu ree?


Boru mataa isaatii ni sarddama, boruuf hin sarddaminaa, guyya'aan hammeenni isaatuu ni gayaan.»


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Baayi'inna nyaataatii fi dhugaati'iitiin, machi'iin baashayu'uu fi waayee jireennaa biyya lafaatiif sarddamu'uun'llee, onneen keessan akka hin hadoonneef, ufi eeggadhaa! Kana ta'uu yoo dhabaate garuu guyyaan sun akka siibo'oo titti, dimmaa isin ni qaba.


Gooftaa ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haa ta'u! Yaa Gooftaa koottu!


Gonkumaa ufii keessan wol himattanii wol mormmuun mataan isaatuu, isiniif salphinna, kana irra isin uduu miidhamttanii hin woyyuu ree? Akkuma kana isin uduu sobamttanii isinii hin woyyuu ree?


Kanaaf nyaanni obboleessa kiyya ka kristaanaa ka gufachiisuun yoo ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifnneef gonkumaa foon hin nyaadhu.


Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.


Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha,


Raagaan yookiin jechaan akkuma dubbatametti yookiin akkuma nurraa erga'aan barreeffametti taasfttanii, «Guyyaan Goofta'aa gayee jira» jechu'uun, dadafatti sammuun keessan hin jeeqamin, hin raafamina'llee.


eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an,


yeroo maraa ufii keennaa wol geennee wol haa jabeessinu malee, tokko tokko akka raawwachuu baratan wol gayuu keenna dhiisuu hin qabnnu, gonkumaa guyyaan dhufaatii Goofta'aa dhiyaachuu isaa yaadachu'uun, waan kana caala'atti raawwadhaa.


Kanaaf akkana jedhamee barreeffamee jira, «Inni ka dhufu sun, yeroo muraasaan duubatti ni dhufa hin turu,


Ka isaan keessa ture Hafuurri Kristosii'llee Masihicha irra waayee rakkinnaa fi rakkinnaan duubatti'llee waayee ulfinna argamuu, durssee mulidhisee jira ture, isaan'llee kun marri yeroo kamittii fi haala attam jiruun akka ta'u qoratanii ture,


Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.


Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!


Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.


Follow us:

Advertisements


Advertisements