Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:19 - Waadaa Haarawa

19 Kanaaf Waaqinni kiyya ulfinnaa fi durummaa isaa karaa Yesus Kristositiin, waan isin barbaachisu maraa isiniif ni kenna.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:19
44 Cross References  

Kana argachu'uuf ammoo ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ni barbaadan, isin kun marrinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka.


Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Kanaan duubatti Toomaasiin, «Quba kee garana fidiitii harka kiyya laali, harka kee'llee fidiitii cinaacha kiyya keessa aseensisiin, amani malee ka amantii hin qabnne hin ta'in» jedheen.


Maqaan amantii keessan biyya lafaa mara irratti waan dhagayameef, waan maraa durssee karaa Yesus Kristositiin, waayee mara keessaniitiif Waaqa kiyya ni galateeffadha.


Durummaan Waaqaatii fi ogummaan, beekkomissi'llee attam gadi fago'o! Murtiin isaa ka hin qoratamnne, karaan isaa'llee ka hin beekkaminne.


Yookiin mishumma'aa fi danda'iinsa Waaqaa baayi'inna obissaa ta'uu isaa'llee ni tuffatta ree? Waaqinni mishummaa isaa ka si baayi'ise si gara dhiifama Waaqaa titti eemaru'uuf akka ta'e, hin beekittuu ree?


Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan.


Kana'llee ka raawwate durssee ulfinnaaf ka isaan qopheesse, meeshaawwan dhiifamaatiif, baayi'inna ulfinna isaa muldhisu'uuf.


Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha.


Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa.


Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.


Guutuu ta'uu kennaa bilisaa ka Waaqaa irraa ka'een, dhiiga Ilma isaatiin bitaminnee, dhiifama cubbuu keennaa'llee ni ariganne.


Kana'llee ka raawwate karaa Yesus Kristositiin ka nu'uuf ibise, arjjummaa fi durummaa kennaa isaa ka bilisaa ka haga hin qabnneetiin, baroota dhufanitti nutti muldhisu'uuf jedheeti.


Waaqinni qaama keessan ka keessaa huminna jabeessu karaa Hafuura isaatiin, ulfinna isaa ka durumma'aatiin akka isiniif kennuuf ni kadhadha.


Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.


Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.


Waaqinni Qulqullootaaf ibisuu ka fedhe ka jiru ulfinna dhossaa kana ka durumma'aa, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti, hagam ol aanaa ta'uu isaati.


Dubbiin Kristosii guutumma'aan onnee teessan keessa haa jiraatu, ogummaa maraan ufii keessan wol irraa baradhaa, mari'adhaa, faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraya'aan'llee, Waaqa onne'een galateeffata'aa faarssaa.


Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.


Dureeyyiin biyya lafa kanaa akka ufi hin dhaanneef yookiin abddii isaanii qabeenna amansiisaa hin ta'in irratti akka hin taasfnneef isaan ajaji, akkuma kana abddii isaaniitiin nu'llee akka gammannu, waan maraa irraa hafaa taasisee ka kennu Waaqa irratti akka ta'u isaan ajaji.


Kadhannaa kiyyaan si yaadata'aa yeroo mara Waaqa kiyya ni galateeffadha,


Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.


Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.


Follow us:

Advertisements


Advertisements