Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17 - Waadaa Haarawa

17 Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

17 Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

17 Kunillee akka eebbi baay'atee isinii kuufamuuf malee ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17
26 Cross References  

anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna.


Firii baayi'ee yoo daraarttan kanaan Abbaan kiyya ni ulffaata, isin'llee barattoota kiyya ta'uu keessan ni muldhifttan.


Kanaaf qarshii wolitti qabame ka gargaarssaa kana gara Yerusaalemii fudhadhee, eega kenneen duubatti karaa keessaniin dabrree, gara Isphaaniyaa ni deema.


Naminni kum'llee waan ani gowwaa ta'e isatti hin fakkaatin jedhee irra deebi'ee ni dubbadha. Gowwaa yoma isinitti fakkaadhe'llee muraasa akka dhaadadhuuf, akka gowwa'aa taasisa'aatii ana laakkayaa.


Kanaaf kennu'uuf waadaa ka aseenttan kennaa keessan ka arjoomaa, durssitanii akka qopheesitan akka isin yaadachiisaniif jechu'uun, obboleeyyan kunniin durssanii gara keessan akka dhufan, barbaachisaa ta'ee argadhee jira. Bifa kanaan yeroo ani dhufutti kennaan keessan ka arjoomaa qophaayaa ni ta'a, isin'llee worri kennitan dirqamaan uduu hin ta'in, fedhi'in ta'uu isaa ni muldhisa.


Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan.


Irra deebi'ee'llee kana ka jedhu waan jireenna kiyyaaf ana barbaachisu dhabuu kiyyaanii miti, ani ammoo, «Wonittumaan qabuu ana gaya» jechuu baradhee jira.


Yeroma tokko'llee jechaan shelu'uun yookiin fedhii qarshi'ii qabaannee gonkumaa akka hin dubbatin, isin mataan keessanuu ni beekittan. Waaqinni'llee ragaa keenna.


ka hin machoofnne, wol mormmii ka hin jaalanne, gara laafessa, ka namaan wol hin dhabinne, ka qarshii hin jaalanne,


Kun'llee ka ta'u jaalalli qarshi'ii, burqaa hammeenna maraa waan ta'eef.


Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.


Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan.


Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu.


Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.


Isaan karaa qajeelaa ta'e dhiisanii badanii jiran, hamaa hojjachu'uun qarshii argamu ka jaalate, ilma Bioorii karaa ilma Bala'aamii horddofanii, dogoggoranii jiran.


Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata!


Karaa Qaaye'liitiin waan deemaniif, qarshi'iif jedhanii dogoggora Bala'aamiitiin waan kufaniif, Qoreen'llee akka isaan isaan'llee waan isa mormmuu isaaniitiin waan badaniif, isaanii uunisha'a!


Follow us:

Advertisements


Advertisements