Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:15 - Waadaa Haarawa

15 Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

15 Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

15 Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:15
12 Cross References  

Phaawulosii fi Siilaas'llee mana hidhaatii bayanii, gara mana Liidiyaa ni galan, achitti'llee obboleeyyan argatanii, isaan jajabeessanii magaalattii dhiisanii ni deeman.


Kun'llee Maqedooniya'aa fi Akaayiya'atti ka argaman worri Waaqaa hiyyeeyyii Yerusaalemiin jiraniif gargaarssa qarshi'ii ergu'uuf, fedhii isaaniitiin waan murteessaniif.


Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.


Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.


Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.


Follow us:

Advertisements


Advertisements