Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:12 - Waadaa Haarawa

12 Kanaaf argachuu'llee ta'ee dhabuu'llee ni beeka, bakka kamittuu taa'ee yeroo kamitti'llee waayee quufu'uutii fi beelayu'uu, dhossaa argachu'uu fi dhabu'uu'llee baradhee jira.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

12 Salphinnallee hin beeka. Baayi'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

12 Salphinnallee hin beeka; baay'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:12
15 Cross References  

Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan.


Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.


Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha,


Yookiin, «Tokko tokko ergamoota Phaawulosii ulffaattotaa fi cicimootaa fi inni mataan ka dhiban, inni mataan isaa nu woliin yoo ta'e garuu dadhaba'a, haasofnni isaa'llee ka tuffatame» ni jedhan ta'a.


Hujiin baayi'ee fi dadhabbiin'llee natti ni jiran ture, yeroo baayi'ee hirriba dhabee jira, beelaa fi dheebuu bishaaniitiin'llee sarddamee jira, yeroo baayi'ee'llee dhabiinssi nyaataa narra gayee jira, qorraa fi daarri'llee narra gayee jira.


Ani wongeela Waaqaa mindaa malee isiniif lallabuu kiyyaa fi isin ol qabu'uun mataa kiyya salphisuun kiyya, yookiin akka cubbu'uu titti natti lakkayamee jiraatinnaa ree?


Isin woliin yoo jirutti rakkoon yeroo narra gayetti obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufan, waan ana barbaachisu maraanuu ana gargaaran waan tureef eennuun irratti'llee ba'aa hin taane, haga ammaa isin irratti womaanuu ba'aa hin taane, ufi duranaaf'llee ba'aa isinitti hin ta'u.


Follow us:

Advertisements


Advertisements