Biblia Todo Logo
Online Bible

- Advertisements -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1 - Waadaa Haarawa

1 Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.

See the chapter Copy

WAADAA LAMMATAA

1 Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

See the chapter Copy

Kitaaba Woyyuu

1 Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

See the chapter Copy




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1
35 Cross References  

Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.


Yesus Yihudota isatti amananiin akkana ni jedhe, «Isin dubbii kiyyaan uduu jiraattanii, dhugamaanuu barattoota kiyya ni taatan,


Inni'llee deemee Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa ummataaf attamitti akka kenne yeroo argetti ni gammade, marrinuu onnee guutu'uun jabaatanii Goofta'aaf amanamoota ta'anii, akka jiraataniif isaan ni gorsse.


Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.


Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.


Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.


Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.


Dammaqaa, amaniti'iin jabaadha'aatii dhaabadhaa, jabaadhaa.


Amma waayee keenna ka beekittan gamisaan, maa'ii garuu guutumma'aan akka hubattaniin abddii ni taasisa, waayee kanaan'llee Gooftaan Yesus guyyaa itti dhufutti, nu'u isiniin akka dhaadannu, isin'llee nu'uun ni dhaadattan.


Kristos bilisa ka nu baase bilisumma'aan akka jiraannuuf. Kanaaf jabaadha'aatii dhaabadhaa, deebitaanii'llee waanijjoo garbumma'aatiin hin xamadaminaa.


Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.


Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.


Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u.


Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.


Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata.


Bifa kanaan Gooftaan keenna Yesus qulqullaawota mara woliin yeroo itti dhufutti Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duratti, onneen teessan ka ashaa hin qabnnee fi Qulqulluu akka ta'uuf isin ni jajabeessa.


Kanaaf yaa obboleeyyan, jabaadha'aatii dhaabadhaa, jecha keennaan ta'ee ergaa keennaan'llee barsiisa nu irraa isiniif dabrre, jabeessa'aatii qabadhaa.


Eegaa yaa ilma kiyya! Kennaa isaa ka bilisaa ka Yesus Kristosiin argamuun jabaadhu.


Dubbii abddi'ii titti'llee ka nuuf kenne amanamaa waan ta'eef, amma abddii waan amannee ragaa baanuu uduu asii fi achi hin jedhin, jabeessinee haa qabannuu.


Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.


Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus.


Isin garuu yaa waahela! Kana durrsitanii waan beekittaniif, dogoggora hamaawwaniitiin harkifamittanii ijjannoo keessan jabaa irraa akka hin kufnneef ufi eeggadhaa,


Follow us:

Advertisements


Advertisements